Dhukkubi Gifiraa Itiyoophiyaa keessaatti babal’ataa ka jiru ta’uu, Ministirii Eegumasa Fayyaa Federaalaan gabaasamaa jira jechuun jarmayaan gargaarsa dhala nama kan Tokkummaa mootummotaa ykn OCHAn torban darbe gabaase.
Bulchiinsa Naannoo Uummatoota Kibbaa keessatti namoonni 1016, Oromiyaa keessatti namoonni107 dhukkuba kanaan qabamuu kan gabaase OCHAn, gara Godina Shawaa Lixaa Amboo fi Godiina Harargee Bahaa Kombolchatti babal’ataa jira, jedhe.
Maalummaa dhukkuba Gifiraa baruun uummanni of eeggannoo barbaachisu akka godhuuf jecha gaaffiin kan dhiyaateef Dr Tolawaaq Qajeelaa Hospitaala Xiqur Anbessaa keessatti ogeessa dhukkuboota daa’immanii akka ibsaniiti,Giifirri dhukkuboota nama irra namatti daddabran keessaa tokko yoo ta’u,Vaayirasiin dhukkuba kana fidus karaa jiidha funyaan keessaa fi afaaniin daddabra, jedhan.
Da’immaan yeroo heddu dhukkuba irraa dandamachuuf qaami isaanii dandeettii waan hinqabneef jecha dhukkuba Gifiraaf kan saaxilaman ta’uu ibsanii nama Gifiraan qabame battalumatti gara mana yaalaatti geessuun barbbachisaa ta’u kan ibsan Dr. Tolawaaq, lubbu namaa galafachu kan danda’u ta’uulltt hubachiisan.
Mallattoo dhukkuba Gifiraa agarsisuu keessaa ho’ii qaamaa dabaluun, qufaan, qaama irratti shifeen yaa’uun hanga tokko yoo ta’an, ijoolleen dhalatanii waggaa tokko keessatti talaalii idlee kennamu hundumaa akka argatan gochuun, dhukkuboota akkasii dursanii faccisuuf ka gargaaru ta’uu dubbatan.
Guutuummaa isaa gaaffii fi deebii gaggeefamee irra dhaggeeffadhaa.