Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dukkubii Busaa Hammaataa Jira:Waajira Fayyaa 


FAAYILII - Suuraa bookee busaa maaykiroskoophii jalatti eedu-gala qorannoo biyya Burkinaa Faasoo keessatti, Bara 2019
FAAYILII - Suuraa bookee busaa maaykiroskoophii jalatti eedu-gala qorannoo biyya Burkinaa Faasoo keessatti, Bara 2019

Bulchiinsa uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa aanaalee 31 keessatti torban tokkotti namnii lakkoobsaan kuma 10 ta’an dhukkuuba Busaan qabamuun waajiirri fayyaan kan naannoo Sanaa beeksisee jira.

Hojiin Dawaa biifuu ituu hin gaggeffamiin hafuu isaan akkasumas saaphanni siree dhabaattoota addunyaa biraa ergame raabsamu dhaba irraa lakkoobsii kun guddachuu waajirichi beeksisee jira.

Qorannaa laaboraatorii gaggeffameen uummanni kuma 200 fi kumnii 42 dhukkuuba Busaaf saaxilamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u wal’ansii kennamaa akka jiru ibsamee jira.

Baatiin robaa dhaqqabaa waan jiruuf jecha, faca’inni dhukkubichaa hammaatee midhaa hamaa akka hin geesiifneef uummanni saaphana siree sirritti gargaaramuu akka qaban, mallattoon dhukkubichaa yeroo mul’atu hatattamaan dhaabatoota fayyaa deemuu akka qaban, bishaan kuufamee dhabamsisuu fi weera kana ittisuuf yaalii ta’u keessatti hunduu akka hirmaatuuf waajirri fayyaa naannoo gaafachuu isaa gabaafamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG