Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaggaa Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa fi Iluu Abbaa Booraa Aanaa Halluutti namii hiriira bahee rakkoo himatee Oromoon baqatellee horii guure


Oromia map
Oromia map

Ummatii aanaa Leeqaa Dullachaa fi Aanaa Halluu hirira bahee rakkoo himate Oromoo baqattellee horii guure
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:06 0:00

Oromiyaa keessatti nama fixuun haa dhaabbatuu,waraanii federalaa yuniversityi keessaa, magaalaa fi fulaa heduu keesaa bahee kaambi ufiitti ha deebi’uu, Oromoo fixaniif gadduuf alaabaan gadi bu’ee haa fannifamuu,warri nama fixe seeraan ha gaafatamuu,haaromsi dhugaa ha dhufuu fi waan hedduu himachuutti jira namii Oromiyaa keessaa hiriira mormii bahu.

Fulaa hiriira itti bahan kanatti ummatii nama Oromoo ka baqatellee horii walti guuree baankiitti guuruutti jira.

Akkuma kanaan Wallagaa Bahaa aanaa Leeqaa Dullachaa magaalaa Gatamaatti hardha nama hedduutit hiriira mormiitiif bahe.

"Ummata bal’aatti hiriira bahe gadda himate lammii Calqanqootti fixaniif gadduuf,akka daangan Oromiyaa kabajamtu,waraanii federaalaa nama fixe seeraan akka himatamu gaafachuuf hiriira bahan jedha,” jiraataan magaalaa aanaa Leeqaa Dullachaa.

Jari kun tana malee Oromoo seera malee lafa isaa irraa buqqisanillee akka deebisanii qubsiisan gaafate.

Tana malee warrii bahe kun akka Afaan Oromoo Afaan federalaa tahan, Finfinneen ta Oromoo tahuu isii akka taate hujiin akka mirkansan qabeennii uumamaa Oromiyaa keessaa baduutti jirullee akka tohatamuu fi waan hedduu himate.

Warrii hiriira bahe kun Oromoo naannoo isaanii irraa baqachiisanillee qarshii Itoophiyaa 5,212 walti guureef.

Godina Iluu Abbaa-Booraa aanaa Haluu,magaalaa Ukaatti ummatii hiriira bahelleen rakkoo himatee ka baqataallee horii walti guure.

“Ummata keenna ajjeesuun, baqachiisuun,daangaan Oromiyaa sarbamuun, humnii federaalaa nu keessaa taa’uuna akka dhaabbatu gaafachuuf hiriira baaane," jedha warrii achii dubbifine.

Tana maleellee akka Oromoon dhumatteef alaabaa gadi siissani fannisanillee gaafatan.

“Namoota keenya Calqanqootti wareebagamaniif gadda keenya agarsiisuuf baane,” jedha warrii nu dubbifne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG