Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baga Ayyaana ID ALFAXIIR Geessan


Musliimonni United States keessa jiran lammiiwwan Ameerikaa hojii gaarii isaan hawaasa isaanii keessatti hojjetan akka hubatan barbaadu. Dhiyeenya kana guyyaa gargaarsa namooma addunyaa irra namoota mana jireenyaan ala ta’an gargaaruuf jecha musliimonni dhibbaan laka’aman daandii magaalaa Los Angeles irratti bobba’anii jiran.

Akka gabaasa Genia Dulot-tti musliimota 500 ol ta’an kanneen fedha ofiin bobba’anii fi kanneen soommana Ramadaanaa irra turan, aduu hedduu ho’u keessa daandii LA kan Skid Row jedhamuuf namoonni mana jireenyaan ala ta’an kumaan laka’aman irra jiraatan irratti wal ga’an.

Kanneen fedha ofiin ba’an kun hucuu, meeshaalee qulqullina ofii ittiin eeggatan, nyaata, bishaanii fi ka biroo jiraattota jireenya isaaii daandii irra godhatan kanaaf gumaachan. Kanatti dabaluu dhaan qorannaa HIV tolaa fi fayyummaa ilkaan isaaniif qorannaa geggeessuun gargaaraniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG