Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Eegii Jaatanii Alii du’e asi dhalootii isaa kuma hedduutti dhalate gorsii isaa hardhallee baddaa fi gammoojjii Booranaa keessaa lallaba'


"Jaataniin lola Itoophiya-Somaletti milishaa innii jaaretti Itoophiyaa gama kibbaa cituu dhowwee"
"Jaataniin lola Itoophiya-Somaletti milishaa innii jaaretti Itoophiyaa gama kibbaa cituu dhowwee"

kitaabii seenaa Jaatanii Alii irratti barreessan haarahii dhalootaa isaatii haga akka itti ijjeesan cufa dubbata
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:43 0:00

Shaalaqaa(kumaalaa) Jaatanii Ali Tanddhuu (1942-1992)jabaa fi janna biyyaa jabeenna hedduun himan. Jaatoo fa jedhanii yaaman.Jaataniin,Boorana reera Melbanaatti dhalate.

Nama gobaan dhawatan,nama maqaa isaatiin duula dhaqan. Qaroo dubbatee nama dhugeeffachiisu ka fuluma itti qajeele cufatti faana isaa itti argan jedha warrii Shaalqaqaa Jaatanii Alii beeku.

Jaatanii Alii ilmaan Booranaa bara jabaa keessa biyya bulche.Bara waraana Soomalee fi Itoophiyaa 1969-1970 milihsaa innii gosa hedduu keessaa walti guuretti Itoophiyaa gama kibbaa gara Soomalee gula cituu dhowwe jedha,namii seenaa Jaatani Alii barreesse,Taadhii Liiban.

"Jaataniin lola Itoophiya-Somaletti milishaa innii jaaretti Itoophiyaa gama kibbaa cituu dhowwee"
"Jaataniin lola Itoophiya-Somaletti milishaa innii jaaretti Itoophiyaa gama kibbaa cituu dhowwee"

Jaataniin bara Boorana bulche sun warra horii waan gugurdoo sadii itti dhaama.

  • Ijoollee barsiifadhaa
  • Diratti mana jaarradhaa
  • Beesee baankii naqadhaa

Jaatanii Alii nama Itoophiyaa fulaa akka akkaa bulche; akka jecha duriitti Sidaamoo Kiflager,Areeroo,Yaaballo,Boorana, Gamoo Goofaa,Iluu-Abbaa Booraa, bulchiinsa poolisii Finfinnee fi fulaa akka akkaa hojjate.

Fedhiin Jaatanii Ali akka namii isa waliin baratee waliin guddatee aabba Taadhiin jedhetti akka warri horii ijoollee barsiifatee addunyaa dhaqqabatu fedha.

Gaafa Boorana bulchu baankii,istaadiyoomii,hosteelii,manneen barnootaa, EDDC fi waan akka akkaa biyyaa jaare.

Akka namii kitaaba kana barreesse,aabba Taadhii Liiban VOAtti himetti kitaaba kana nama waan Jaatanii beeku diqqaa guddaallee walti gaafatanii barreesse.Kitaaba kana waraa afaan giliiziin "Life &Legacy of a Borana Statesman" barreese.Eegee ammo sunuma faan Amaaraalleetti jijjiiree dhiyoo baasee waan.Agfaan Oromoolleetti deebisuuf falutti jiraa jedhee VOAtti hime.

Kitaaba dhaloota haga ijjeechaa Jaatanii Alii dubbatu kana aabba Taadhii Liibanitti barreesse
Kitaaba dhaloota haga ijjeechaa Jaatanii Alii dubbatu kana aabba Taadhii Liibanitti barreesse

Akka aabba Taadhiin jedhutti Jaataniin abbaa hiyyeessaati akka gochii cuftii nagaan waliin jiraattu fedha.

Mallciha Guyyoo, dhaloota Jaataniiti.Nama waan innii biyyaa bahe dhagahaa guddate keessaa tokko. Amma itti gaafatamaa biiroo barnoota godina Booranaati. Dhalootii ammaa kun waan hojjatu cufaa maqaa Jaataniiti fi jedhee waan qajeeltuu hojjachuu malee jedha.

“Jaataniin akka bulchaa biyyaatti nama didhaa bahe.Adoo akkuma innii hojjate dhalootii kunillee hojjaee waan boonnuuf hin qamnu," jedha.

Akka Mallichii jedhutti biyyiti nama daarte.Jaataniin kuma hedduu dhalate ammoo akkuma Jaatanii sun biyya durattiin deemuu male.

Jaatanii Alii waan hedduun faarsan;jireenna warra horii hedduu jijjiire,gorsa qalbii namaati hin banne hedduu dhaameef.

Manneen barnootaatii fi hosteelii innii durii biyyaa hojjatellee maqaa isaatti jijjiiruutti jiran.

  • Mana barumsa sadarkaa lammeessoo Jaatanii Alii
  • Mana barumsa sadarkaa tokkeessoo Jaatanii Alii
  • Hosteelii Jaatanii Alii
  • Keella yaaballoo irralleetti birrii miliyoona lamaatiin soodduu shaalaqaa Jaatanii soodduu jaaruutti jiran.

Jaatanii fulaa innii ejjatu cufaa faana isaatti mullata, jedha aabba Taadhiin.

"Jaataniin nama argaa fi dhageettiiti.Nama bara nagaatii fi waraanaallee biyya qalbii dhugaatiin walti qabuu beeku” jedha namii waan isaa barreesse,aabba Taadhii Liiban.

Waan Jaataniin biyyaa jaare maqaa isaatti deebisuutti jiran. Akka Mallichi Guyyoo jedhutti waan innii durii hojjate maqaa isaatti deebisu qofa mannaa manii barumsa sun barcumaa qabaa, Kaayoo Jaataniin kaheef sun mullisaa? jedhanii gaafachuu malan jedha.

Bulchaan jechuu akka aabba Taadhiin jedhutti nama ummataaf ufi kenne. Jaatanii gaafa mootummaan dargii baqate akka namii hedduunuu jedhutti mootummaan Itoophiyaa gaafasii nama hedduu itti bitee Naayroobi hoteelii inni bulu keessatti galaafate.

Odeeffannoon Library of Congress 2018 USA baruma kana keessa baate ka declassified information,dubbi dhossaa gadi baate jettutti Jaatanii ministera waraana Itoophiyaa bara Melles Zeenaawwii faatti galaafate. jedha.

Jaatanii Alii Adoolessa 2,1992 keessa Naayroobiitti galaafatan. Gaafa isa ijjeesan sun namii hedduulleen dallanee Naayroobiitti hiriira bahe.

Kitaabi aabba Taadhii Life and Legacy of Jatani Ali Tandhu keessaa seenaa isaa dhaloota haga inni lubbuu dhabeetti barreeffame.

Kitaabii kun afaan Ingiliiziitiin amazon irratti ka afaan Amaaraatiin ammoo yunivertsy Rifti Valley Finfinnee jirtuu fi yuniversti Oromiyaa keessaatii fi Yaaballollee argachuu dandahaa jedha aabba Taadhiin.

Aabba Taadhii Liiban kitaaba seenaa Jaatanii Alii barreesse kun jaatanii walin guddate barate
Aabba Taadhii Liiban kitaaba seenaa Jaatanii Alii barreesse kun jaatanii walin guddate barate

​Jaatanii akka lakkoofsa biyya alaa(1942-1992) gaafa innii ganna 51 Keenyaatti ijjeeanii achumatti awwaalanillee. Namii Kitaaba seenaa isaa barreesse Taadhii Liiban jaarsa gadaa abbaa 10 caala jiraate.Amma Finfinnee jira.

Eegii Jaatanii Alii hoteelii innii keessa jiru Naayroobii keessatti ijjeesanii gara ganna 30tti deemuutti jira.Akka namii isa beeklu jedhutti eegii innii dhalate dhalootii isaa kuma hedduutti dhalate,wannii innii jedhee durii biya gorsaa bahelleen hardhallee baddaa fi gammoojjii Booranaa keessaa lallabdi.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG