Xurree ittiin seenan

Breaking News

Egeree naannoo ummattoota kibbaa murteessuuf herrega sadiitti jira


Sidaamaa
Sidaamaa

Egeree naannoo ummattoota kibbaa seeraa fi mariitti murteessa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00


Naannoo ummatoota kibbaa naannolee Itoophiyaa sagallan keessaa tokko.Yoo naannoon ummata Sidaamaa akka naannoo tti baate 10 taati.Akka isiin itti baatuu fi egeree isii irratti nama hedduutti mariitti jira.

Yaadii qaraa naannoo tana akkuma jirtu naannoo tokko tolchanii dhiisuu.Yaadi lammeessoo naannoo 2-5tti baasuu.

Herregii sadeessoo ammoo haga laftii nagaa taatutti waan naannoo haaraa qabaachuu kanaayyuu ufi lakkisuu.

Paartii Waldaa Lammii Itoophiyaa keessaa Dr Birhaanuu Neggaa dubbii tana silaa ummataa fi paartiin akka dansaa irratti mari’achuu malan jedhe.

“Eegii dubbii muranii ummatii irratti wal dhabaee dhiigii jigee,qabeennii badeen duubatti marii nama yaamuutt jiran.”

Itti aantuun itti gaafatamtuu koree dubbii tana qorattee, fi miseensii koree jidduu galeessa paartii ummata Kibbaa bulchituu Dr Irgogee Tesfaayee ammoo

“Caalaatti hafe irratti dubbuii muruuf waan mariin barbaachisaa.”Dr., Ersiidoo Landiibboo ammoo jara naannoo kibbaa tana fulaa 2-5tti qooduu wayya jedha.

“Fulaa hagamitti qooduu malan jechuufillee ammoo seerii maan jedhaa jennee laaluu malle.”

Ambaasaadder Xirunee Zeemaa ammoo naannoon kibbaa akkuma amma jirututti deemuu malte jedha.

“Lakkoofsaan heddatani jennaan humna qabanii, Amerikaa fi Chayainaalleen jabeenna tokkummaa kanaan addunya bitti.”Naannoon godina 21 aanaa 209 qaba nama miliyoona 22tti keessa qubata.

Egeree naannoo ummattoota kibbaa marii fi seeraatti murteessa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG