Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtiin Presidantummaa Masrii Aarii Uummataa Qabsiise


Presidaantiin Masrii Mohamed Morsiin labsii seeraa haga tokkoon hojii irra oolchuuf waadaa seenuun isaanii aarii uummata akka abbaa irreetti isaan fudhatee qabbaneessuuf ka gumaache xiqqoo dha.

Waltajjii Xahirirtti hiriira har’a geggeessameen hiriirtonni mormii qajeelfamni ol aantummaa Muslims Brotherhood fi aangoon isaanii akka jigu gaafataa turan.

Hedduun isaanii kan Mr. Morsiin akka filannoo presidentummaa hinjifatan dhaaba sanatti adda ba’uu isaanii ta’us Muslims Brotherhood aangoon isaanii akka babal’atu dhiibbaa godhe jedhanii yaadu.

Presidentichi ajaji isaan dabarsan murtii seeraatiin ol akka ta’uuf qajeelfama ba’e hin geeddarre jedhu momritoonni. Amr Said kanneen waltajjii snatti hiriiraaf ba’an keessaa tokko. Labsiin kun labsii seera yeroo hatattamaa kan mootummaan duraanii baase caalaa cimaa dha jedhan.

Seerri yeroo hatattamaa humnootii naga eegumsaan geggeesama, labsiin heera biyyaa garuu qaamotii mootummaa kan murtii haqaa, fi damee seera tumtootaa irratti dhiibbaa qabaata. Warraaqsi nuti geggeessine, abbaa hirree ofi irraa fonqolchuu qofaaf utuu hin taane abbaa irree ka biroo ofitti fiduuf ta’e jedhan.

Waltajjii Xahirir bakka handhuura sochiin mootummaa duraanii fonqolche itti geggeeffametti uummati argame guutummaa biyyattii irraa walitti dhufe.

Uummati hedduun waltajjichatti yaa’uun walitti bu’iinsa poolisii fi mormitotaa dabalatee muddama jira.

Haa ta’u malee erga Brotherhood fi gareeleen Islaamummaa kanneen biroon hiriira faallaa hiriira mormii walitti kan bu’iinsa jiru daranuu hammeessa jedhamee sodaatame waamuuf karoorsan hambisanii booda sodaan jiru qabbanaa’ee jira.

Murtiin kunii fi waadaan Mr Moorsiin waadaa isaan kaleessa mana murtii duratti seenan uummata haga tokko kan amansiise si’a ta’u sochiin isaanii biyyattii akka waadaa galaniitti fuula duratti tarkaanfachiisuu, heera haaraa fi paarlaamaan haaraan jiddu seeninsa rakkoo adeemsa seeraa irraa walaba ta’e hanga hundeeffamu qofaatti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG