Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ehamnii Hojii Addis Staandaard Iddotti Deebi’uu Qaba: CPJ 


Waajirri abbaa aangoo Midiyaa kan Itiyoophiyaa kan Internetti irratti tajaajiila midiyaa kennuuf galmaa’ee Addis Staandard yeroof hojii irraa ugguree jira.Waajirri kun kaleessa hubachiisa baaseen

Addis Staandardiin yeroof kan ugguree komee isa ga’anii fi ofii isaas hordoffii godheen deemsii yaaddeessaan akka jiru eega hubatee booda ta’u ibsee jira.Midiyaan Addis Staandard murtii mana maree bakka bu’oota Itiyoophiyaan darbee kabajuu dhiisuun, garee shoroorkaa tokkoon human ittisaa jechuun beekkannoo hanga kennuutti haala ga’een ajandaa garee shoroorkaa waltajjii itti tarkaanfachiisan ta’u isaa beeknee jijra jedhe.Itti fufees isaan kanaafi haanqiina naamusaa kanneen biro waliin wal qabatee qorannaa gad fagoon akka gaggeeffamuu fi tarkaanfiin ka biroonis ni fudhatama jedhee jira.

Gama kaaniin Addis standard yeroof hojii irraa ugguramuu kan ilaaleen gareen mirga Gaazexxeesootaaf falmuu sii pii jeen ibsa baaseen, Addis Standard waggootaaf haala Itiyoophiyaa keessaa kan ilaaleen akkaan gabaasuu fi yaada adda addaa dhiyeessuun madda barbaachisaa ture jechuun amma immo akka hin hojjanneef ehama dhorkuun mootummaan Gaazexxessummaa walabaaaf ilaalcha gaarii akka hin qabne agarsiisa jedhee jira.

Biyyoota Afrikaa kanneen uffee sahaaraa gadii keessatti bakka buutuu CPJ kan ta’an Mutookii Mumoo akka jedhanti aangawoonni battalumatti ehama hojii kan Addis Staandard iddotti deebisuun, akka walaba ta’e sosso’uu akka godhan Gaazexxessootaa fi Midiyaa dorsiisuuf akkasumas saansuurii gochuuf yaalii ta;u mara akka dhaaban gaafatan.

Addis Staandaard ibsa Twiitarii irratti baaseen waajirri abbaaangoo Midiyaa Itiyoophiyaa ehama eega fudhatee booda hojii kan dhaaban yoo ta’u murtii kana irra ga’uu isaaniif sababaan kennan tokko hin jiru jedhe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG