Xurree ittiin seenan

Breaking News

Elemaa Abbiduuba nama ganna 9t "dhukkubi cubbuu koronan ya lafa qabate ufi eegannoo fi Waaquma qofati nama baasa" jette sirbaan nama gorsit


Elemaa Abbiduubaa
Elemaa Abbiduubaa

Elemaa Abbiduubaa ganna 9 egeri pirez. tahuu feeti "dhukkubi cubbuu koronan ya lafa qabate ufi eeganno fi Waaqati nama baasa" jettee sirbiti
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00

Elemaa Abbiduubaa ganna 9ti..Abbaan isii Abbiduuba Waaqoo nama sirbaati. Istuudiyoollee hin qabaa muuziqaallee hinqindeessa jedha. Ijoollee isaa sadeen keessaa,intalti isaa angafii Elemaa. Kutaa sadii baratti nama ganna sagaliiti.

Abbaan isaanii fkn mukii faayidaa innii namaa kennuu maan,barcumaa faayidaa maan irraa argatan,faayidaa haadhaa maanii fi waan hedduu gaafata akka jarii jedhetti. Achiin duubatti waan itit himan kaan walalootti deebisanii sirbaan barreessan jedhan.

Akka kanaan

Dhukkubii cubbuu koronaan ya lafa qabatee

Murruqi tolchee ilmee namaa afaanti haqate

Waaqumatti boonnee kadhannaa ha nu hanqisuu

Isattuu hunda dandahaa nu hin lakkisuu

Ufi eegannoo fi Waaqa callaatti nama baasa jettee sirbite.

Elemaan sirbaan nama gorsaa jetti.

Dhukkuba lafa dhufe dhageettee...

Maqaan koronaa jedhanii dhageettee...

Qorsallee hin qabu jedhanii dhageettee...

Nama qabu irraa namatti dabra jedhanii dhageettee....

Elemaan sirban haadha,jabaa akka Jaatanii Alii Tandhuu, Oromiyaa fi waan hedduu siirbite.

Fulaa hedduu sirbaan nama wa barsiimana jedhe abbaan isii.

Wa sitti himaa me guurii gurraa baafadhuu..

Hin tuffatin gorsa ogeessaa fudhadhuu..

Waan dhageette ka dhibiillee dhageessisii...

Ilmee namaa du’a irraa hambisii..

Fulaa koraa hanqadhu..

Namatti hin riiqatin..

Hafuura namaa hanqadhu..

Fayyaa jettee hin amanin...

Elemaa Abbiduubaa ganna 9 egeri pirez. tahuu feeti "dhukkubi cubbuu koronan ya lafa qabate ufi eeganno fi Waaqati nama baasa" jettee sirbiti
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00


Elemaan egerii pirezidaantii Itoophiyaa tahuu feeti.Barumsaan sadarkaa 1,2,3 haga bahaa jette.

Barumsa irratti maan maan si badhaasan jennaan “Shubbaa fa namaa qoodanii,saanii fa namaa qoodan.” jette.

Wannii jaduun isii fi abbaan itti jiran akka jarii jedhetti waan dhiba kanaa nama barsiisanii dhukkuba jarii “rabbi isa balleessina” jedhanii hammeenna Koronaa sirbaan namatti himuu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG