Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ertraa Hogganoota fi Motummoota Addunyaaf Dhaamsa Dabrsaniin Haqii Ertraa Jallachuun Itti Fufee Waan Jiruuf Jecha Irratti Fulleffachuu Qabdu Jedhan


Prezidaantii Ertraa, Isaayaas Afeworqii
Prezidaantii Ertraa, Isaayaas Afeworqii

Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afeworqii waggaa haaraa sababaa gochuun hogganoota biyyootaa fi motummoota addunyaaf dhaamsa dabrsaniin haqii Ertraa jallachuun itti fufee waan jiruuf jecha irratti fulleffachuu qabdu jedhan.

Wanni akkasii itti fufuun seera addunyaa cabsuu fi yaada jiru adda facaasuu qofa otoo hin taane nagaa fi nageenya kutaa irratti sodaa uuma jedhu kan jedhan Obbo Isaayaas komiishinni daangaa Ertraa fi Itiyoophiyaa murtii inni dabarse waggaa 14 gutuu isaa ibsuun laftii Ertraa amma iyyu weeraramee akka jiru yaadachiisan.

Gama Kanaan wanni seerri murteesse kabajamuu akka qabu hogganoota gaafatanii gama kaaniin Ertraa irra uggura seeraan alaa fi madaalawaa hin taaneetu ka’ame jedhan. kunis himata ofuumaa uumamee dhiyaatee kan hundee hin qabnee akkasumas deggersa seeraa fi waan qabatamaa hin taane irraa ka’uun uggurri Ertraa irra ka’ame jedhan.

Uummata Ertraa irratti waan sirri hin taane rawwachuu fi laftii Ertraa qabamee turuun itti fufee waan jiruuf golli naga eegumsaa dogoggora hojjatame kana caalaa duubatti ituu hin harkiifatiin akka sirreessu prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afeworqii gaafatanii jiru.

XS
SM
MD
LG