Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dr. Mararaan Mana-murtiitti Dhihaatan, Yeroo Duraaf Ifatti Uummatatti Mul’atan


 Dr. Mararaa Guddinaa, Dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo fi Itti-aanaa dura-taa’aa Gamtaa Paartiilee mormitootaa Medrekii
Dr. Mararaa Guddinaa, Dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo fi Itti-aanaa dura-taa’aa Gamtaa Paartiilee mormitootaa Medrekii

Dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo fi Itti-aanaa dura-taa’aan Gamtaa Paartiilee mormitootaa Medrekii – Dr. Mararaa Guddinaa, akkuma biyya Awurooppaa tii Finfinnee seenanitti qabamanii eega to’annaa poolisii jala galfamanii booda, ifatti uummata duratti mul’achuun isaanii kun ka jalqabaa ti.

Gabaasaan keenya – Melleskaachew Amahaa akka jedhutti, Dr. Mararaan har’a gara galgalaa sa’aa kudhanii fi ruubii irratti mana-murtii federaaraalaa sadarkaa tokkoffaa dhaddacha ramaddii Araadaa ennaa dhaqqabanitti, kanneen naannawa sana turan – dippiloomaatota tokko tokko, gaazzexeessota, miseensota hooggana paartii isaanii fi deggertoota isaanii nagaa-fuudhuuf harka isaanii ol kaasanii raasanii turan.

Dr. Mararaa Guddinaa, miseensotaa fi deeggartoota paartii siyaasaa, Koongiresa Federaalawa Oromoo duula nafiladhaa irratti
Dr. Mararaa Guddinaa, miseensotaa fi deeggartoota paartii siyaasaa, Koongiresa Federaalawa Oromoo duula nafiladhaa irratti

Kaabbortaa gurraacha dheeraa uggatanii ka dhufan – Dr. Mararaa guddinaa, fuullee irraa fuula isaanii irratti jijjiramni mul’atu akka turre illee dubbate – gabaasaan keenya. Abukaatoolee isaanii tii ala namni ka biraan akka mana-murtii sana seenuu hin danda’iin illee gabaasee jira.

Abukaatoon Dr. Mararaa – Dr. Yaaqoob haala sana ennaa ibsan, gochaalee lamatti shakkamuu isaanii eeran. “Tokkoffaa, dhaabota shororkeessota jedhamanii ramadaman waliin quunnamtii uumee jira. Iaan waliin mari’atee jira. Hiarmaannaa hojiis godhatanii jiru – ka jedhu. Ka Lammataa immoo, labsii yeroo hatattamaa cabsuudhaan, olola kaka’insaa godhee jira. Gochaalee labsii sanaan dhorkaman raaw’atee jira. Dhimmoota lemeen kana irratti ture ka Dr, Mararaan shakkaman” jedhan.

Kana irraa kan hafe, abukaatooleen Dr. Mararaa iyyannaan abbaa-murtiitti dhiheessan, ka shakkiidhaan torbanneen hafuriif Dr. Mararaa qabee kaa’ee jiru – Poolsiin wanna itti shake kanaaf ragaa qabu yokaan ibsa ka biraa toora kanaan qabu akka abbaa-murtiif ibsu, ka jedhuu fi akka mirgi wabii Dr. Mararaaf eegamu, ka jedhu ture. Kan mana-murtii sanaa ala dhaabbatanii eegaa turan – itti-aaanaa Dr. Mararaa – Obbo Mulaatuu Gammachuutti bilbillee haala ture akka buuf ibsan dubbisnee turre.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG