Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantota Dhibba Shanii Ol  Galaana Meditiraaniyaan Keessatti Dhuman Keessaa Namni Lubbuun Hafe Maal Jedha?


Moaz Mahmoud Ayimoo, Sadaasa 1, 2016, Jarman
Moaz Mahmoud Ayimoo, Sadaasa 1, 2016, Jarman

Bara xumuruuf jirru 2016 keessa balaan lubbuu baqattoota 500 ol galaafate Ebla 9 Bara 2016 dhaqqabe. Doonii Galaana Meditraaniyaan keessa dhidhimte sana keessa lammiwwan Somaalee 190, kan Itiyoophiyaa 15, kan Masrii 80 , kan Sudaan 85 fi ka biyyoota biroos akka turan qorannaan dhaabbatoota oduu Rooyitersii fi BBC-n geggeessame beeksisanii jiran.

Baqattoonni kun martinuu Masrii irra ka'an. Doonii guddaa humnaa ol fe'achuun bishaaniin liqimsamee keessaa daakanii ba'uu ka danda'an 10 qofa. Warri lubbuun hafankaan kanneen donii liqiimfamte sana koruuf donii xinnoo ka biroo galaana irraa turtle irraa dabaree eegaa turan tahuu tu gabaasame. Isaan kana keessaa 6 jarreen seeraan-ala nama deddebisan ta'uun beekamee jira. Namoota doonii guddaa galaanaan nyaatamte keessaa lubbuun hafan 10 keessaa Moaz Mahmoud Ayimoo tokko.

Mucaa isaa kan baatii lamaa fi haadha warraa isaa ituu garaatti Baattuu imaltuu baqattummaa waliin Jalqabe karaatti deessa sana of biraa dhabe. Ituu gammoojjiin sahaaraa fi galaanni wanna haga ammaatti liqimsan ni dubbatu ta'e maal dhaga'u laata? Lafee baqattootaa fi godaantootaa isa cirracha sahaaraa keessatti qilleensi aguugee dhoksee maaltu arge? Lafee dhala namaa kan galaana ijaaf tolu sana jalaa iyyataa jiru eenyu tu lakkaa’ee beeke?

Gaaffii fi deebii Moaz waliin gaggeeffame; Kutaa 1ffaa

Gaaffii fi deebii Moaz waliin gaggeeffame; Kutaa 2ffaa

Gaafii fi deebii Moaz waliin gaggeeffame; Kutaa 3ffaa

Gaafii fi deebii Moaz waliin gaggeeffame; Kutaa 4ffaa

XS
SM
MD
LG