Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Jiru Furamnaan Labsiin Yeroo Hatattamaa Ka’uu Mala: Waajjira Kominikeeshinii


Mormii Irreechaa hora Arsadee, Onk. 2, 2016
Mormii Irreechaa hora Arsadee, Onk. 2, 2016

Hookkaraa fi jeequmsa uuman jechuun shakkamanii to’annaa jala kan oolan lammiiwwan kuma kudha lamaa ol leenjiin haaromsamaa warra kana dura kennameefiin wal fakkaatuun kan kennamuuf ta’uu dubbi himaan waajjira kominikeeshinii mootummaa Itiyoopiyaa dubbataniiru.

Kanneen kana dura hidhaman keessaa kuma sagalii fi dhibba saddeet gad dhiisamuu isaaniif kanneen kuma lamaa fi dhibba afur ta’an immoo dhimmi isaanii mana murtiitti ilaalamuuf kan jiru ta’uu Command Post torbee beeksisee jira.

Waajjira kominikeeshinii mootummaaf dubbi himaa kan ta’an obbo Mohaammad Seyid VOAf akka ibsanitti labsiin yeroo hatattamaa karoora akeekameef galmaan ga’aa jira jedhan. Fooyya’inni argame akkasitti itti fufee rakkoon labsiin sun akka labsamu taasisan furmaata argannaan yeroo kaa’ameef dursee labsiin sun ka’uuf carraan kan jiru ta’uu illee dubbataniiru.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG