Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Ambaasaaddara Ishee Kan Gamtaa Afrikaa Finfinneetti Ergite


Ambaasaaddarri Ertraa Girmaa Asmaroom Teesfaay torban kana dura ta’a komishiina Afrikaa Jean Ping duratti dhiyaatan.

Ertraan diddaa yeroo dheeraa booda jaarmayaa miseensoota 53 qabuutti dabalamuu isheetti kan gammadan ta’uu Mr .Ping ibsanii jiran.

Itiyoophiyaan walii galtee nageenyaa wal waraansa daangaa 1998-2000f tolfame diigde jechuu dhaan mormii qabdu ibsuuf jecha, Ertraan yeroo sana Ambaasaaddara ishee Finfinnee keessaa waamuun ni yaadatama.

Ministriin dantaa alaa kan Itiyoophiyaa akka jedhutti, haalli kun uumamuun hariiroo biyyoota lameenii danqamee ture waan foyyessu hin qabu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG