Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotii Itoophiyaa Maratoonii Chikaagoo Dubraa fi Dhiiralleen Ya Moohatan


Maratoonii Chikaagoo namii kuma 45 caalu maratoonii walakkaa irratti wal dorgome irratti dubraa fi dhiiralleen Itoophiyaatti mirgaan galate.Tseggaayee Kebbedee(2:04:38)Fayyisaa Leellisaa (2:04:52) fi Xilahun Raggaasaa ammoo (2:05:27) fixatanii 1-3 tahanii moohatan.

Gama dubraatiin ammoo Astedee Baayyisaatti (2:22:03)moohate. Marattooniin Chikaagoo ta bara 2012 tun dorgommii addunyaa gugurdoo baranaa keessaa afreessoo.
Bara 2001 asitti dorgommii tokkoo irratti atileetootii Itoophiyaa dubraa fi dhiirallleen akkana moohatani hin beekan.Atileeti Tseggaayeen ammoo dorgommii baranaa tana rikoordii haaraa argate.

Akka warrii qopheesse jedhetti namii kuma kurnya hedduu akkana bahee dorgomullee nama tokko ka hafuurii citee lafa dhahee malee dorgommiin tun nagumaan dhumatte.

Akka bulchaan Chikaagoo Raam Emmanuel jedhetti dorgommii tana irratti doolara miliyoona hedduutti bahee Chikaagoon horii guddaa jalaa argatte.

Leenjisaa Toleeraa Dinqaa atileetota tanaan maan jedha?IAdoo tana jennuu toophiyaan atileetiksiin addunyaa dura jirtia kubbaa miilaa ammoo addunyaa eegee jirti maaniif?
Leenjisaa Toleeraan tanaan maan jedha?Mee qophii ispoorii hardhaa caqasaa.

Qophii Ispoortii Caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG