Xurree ittiin seenan

Baqattoota Galaana Yaman Keessatti Darbaman Keessaa Kanneen Lubbuun Hafan Attam ta’an?

  • Jaallannee Gammadaa

Hagayya sagalii fi kudhan bara 2017 doniin lama baqattoota fe’anii Somaaliyaa irraa eega ba’anii booda handaara galaana Yamantti eega dhiyaatanii booda imalatoota galaanatti naqanii deebi’uu isaanii jaarmayaan godaantoota addunyaa ykn IOM gabaasee ture.

Irra heddduun godaantoota kanaa lammiwwan Itiyoophiyaa kaan immoo kan Somaaliyaa ta’uun ibsamee jira. Oromoota balaa kana irraa hafan haasofsiifnee Jimaata Hagayya 11 bara 2017 dhiyeessuun keenya ni yaadatama.

Kanneen balaa kana irraa hafan wal’ansa fayyaa kan hatattamaa jaarmayaa godaantoota kan addunyaa irraa eega argatanii booda imaltuu itti fufanii jiru. Kanneen humni isaanii dadhabee miidhama qaban immoo mooraa baqataa UNHCR naannoo sana jiru seenan. Oduu haaraan dhaga’ame immoo Kamisuuma sana doniin biraa Bosaasoo irraa baqattoota feete nagaan Yamantti galuun ishee ti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG