Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Hundeeffame mootummaa Abbaa Irree isuma duraa ti jedhu mormitoonni


komeen paartilee mormituu kan filannoo bara 2007 irratti mul’ate har’as borumtaa hundeeffama mootummaa itti fufee jira. Waggoota shanan itti aananiif muummee ministeeraa ta’uun akka itti fufaniif paarlaamaa Itiyoopiyaan kan filataman obbo Haayle Maariyaam Dessaaleny kaabinee isaanii haaraa kan beeksisan torban kana ture.

Mormitoonni garuu paarlaamaa dhumti sun iyyuu akkaataan itti hundeeffame seeraan ala jedhu.

Har’a ibsa kan kenne gamtaan Medrek kan calaqqises isuma kana. IHADEG guutummaan injifadhe jechuun filannoo inni labse uummata sagalee kenne kan mufachiise ta’uu Medrek ibsee jira.

Dura taa’aan paartichaa Profesor Beyene Peexroos Filannoo dhaa qabee hanga hundeeffama mootummaatti adeemsa jiru qeeqaniiru.

Waan seeraan alaa gangalataa dhufee hundeeffama mootummaa bira ga’eera. Mootummaan haaraa hundeeffame kun hojii isaa sirriitti hojjechuu hin danda’u kan jedhu qabxii keenya kan falmii as irra keenyee jirra.

Tokkoffaa hojii fi ogeessa wal agarsiisuu isa jedhu argaa hin jirru. Taayitaa siyaasaaf muuduu qofa. Muudamni sunis waluma jala daddabarsuu dha. Isa tokko irraa kaasanii isa kaan irra kaa’uu.

Kan dandeettii qabaatee dhufe hin jiru. Bakka wal buusuu isa jedhu qoosaa godhaniiru jedhan.

Paartiin biyya bulchu IHADEGf bordiin filannoo adeemsa filannoo bara 2007 ilaalchisee qeeqawwan mormitootaan dhiyaatan haalaa turan. Filannoon sun gama dimokraasiin kan geggeessamee fi hirmaannaan uummataa guddaan kan keessatti mul’ate jedha Boordiin filannoo.

Yaada boordii filannoon kan walii galu IHADEGs mormitoonni barcuma paarlaamaa argachuu dhabanis dhimma biyya ilaallate irratti hirmaachuu danda’u jedhe.

Prezidaant Mulaatuu Teshoomees ibsa baniinsa manneen maree bakka bu’otaa fi federeeshinii irratti kennaniin akkuma kana dura obbo Haayile Maariyaam jedhan, paartileen karaa nagaa sosso’an dhimma biyyaa irratti yaada isaanii akka dhiyeessaniif waltajjiin ni qophaa’a jedhan.

Itti aanaan paartii medrek Dr. Mararaa Guddinaas gama isaaniin wal ga’ii IHADEG waame irratti kan hin hirmaanne ta’uu isaaniif afeerraan isaanii kun kan dhaga’ames gaaffilee nuti gaafanne yeroo itti deebii hin argatinitti jedhan.

Paartiin mormituu ka biroon MEADIs gaaffiin biyya ilaallatu ka biroon haala deebii hin arganne keessatti wal ga’ii sana irratti kan hin argamne ta’uu beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG