Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmataa Roorrootii fi Ahmed Ibrooshee Dirree Dhawaatti hidhaa jiranii maatiilleen faguma wal dubbisan jedhan


Weelisaa Falmataa Roorroo
Weelisaa Falmataa Roorroo
Weellisaa Falmataa Roorrootii fi Ahmed Ibrooshee ammallee hidhaa hin baane
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:21 0:00

Sirbitootii Oromoo lamaan kun akka maatiin isaanii jedhanitti torbaan lamaan duratti guyyaa hardhaa mana isaani Dirree Dhawaa naannoo Matakkaa irraa qabaman.

Akka jecha haadha warra Falmataa, aaddee Hawaatti falmataa ganama poolisiin dhuftee fuutee dabarteen waan fuuteefillee diidessitee maatiitti hin himnee keessummaa mana isaa bultellee walumaan dabraniin.

“Waa gaafanna jedhanii qabani waan takka hin gaafannee nuutis qoonqoo geessinee ittuma kennina.Waa takka wantii nu gaafatan hin jirtu jedhanii achuma tattahuutti jiran.”

Tana caalaa ammoo waan jiraa wal gaafachuu hin dandeenne akka jecha aaddee Hawaati.“Waltitti hin dhiyaatanii,qoonqoo kenninaafii ‘firdi beeti’ dhiyaattanii jennaan nu hin dhiyeessinee jedhan. Halaalumaa wal dubbifna.”

Gama kaaniin weellisaa Ahmed Ibroosheellee gaafauma Falmataa qaban makiinuma tokkoon fuudhanii dabraniin hidhan.

Akka jecha haadha warraa Ahmed Magartuu Ahmeditti jaarsa isiillee ganamuma dhufanii qaban. “Ganama akka hardhaa gibbii[dallaa] nurratti tumanii eennu jennee yoo lafa horiinu Ahmed barbaanna jedhanii qaban.”

Jara kana guyyuma tokko ganama mana isaaniiti qaban. Namii dhufee Ahmed qabuuf dhufe.

"Namni afur poolisootaa 12 ummata federaalaa ka sibiila mudhii fi harkatti hidhatee yaahu kana.Isa rafu maaliif rafta jedhanii lafatti dhidhiitanii harka mirgaa kana keessa dhahanii lafa irra kaasanii deemaniin.”

Falmataa Roorrootii fi Ahmed Ibrooshee nama bara hedduu sirba Oromoo sirba bahe.Qabiitii isaanii tana irratti bulchiinsa Dirree Dhawaa irraa odeeffachuuf marroo hedduu poolisii fi bulchiinsalleetti bibilbillee ufi jibbaanne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG