Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmiin Waa'ee Boba'aa Sudan Waraanni Ka'uu mala Yaaddoo Jedhu Dhaqqabsiise


Presidentiin Sudan Omar al Bashir torban darbe ibsa Televiiziyoona biyya isaaniin kennaniin walii galtee boba’aa ilaalchisee fooya’inni yoo argame malee biyyi kibba isaanii sudan waliin nageenya caalaa gara waraanaatti dhiyaataa jirti jedhan.

Yaadi isaanii kun kan dhaga’ame kan yaada wal fakkaatu dhiyeessanii fi yoo Sudan fedhii gama kibbaa hin guuttu ta’e walitti bu’iinsi ka’uu mala ka jedhan yaada presidentii Sudan gama kibbaa kan Salva Kiir-tti aansuun ture.

Walitti bu’iinsi kun kan madde Sudan gama kibbaa boba’aa ishee gara alaatti erguuf ujummoo Sudanitti fayyadamuu ishee irraan kan aka’e.

Gammi kibbaa baaatii darbe erga gammi kaabaa qabeenyaa boba’aa sudan gama kibbaa miliyoona 815 saamte jechuun himattee booda keellaa boba’aa ishee cufte. Kaartuum immoo boba’aa sana kan qabatte gatii geejjibaa hin baafamin jiru bakka buusuufi jetti.

Carrraa walitti bu’iinsi kun tarii gara waraanaatti geessuu malu ilaalchisee itti aanaan ministeera ittisaa Sudan gama kibbaa Majak D’Agoot VOAf ibsa kennaniin kibbi Sudan duruu haleellaa ishee duraa labsite jedhan.

D'Agoot akka jedhanitti kun hookkara miti? Biyyi walaba taate tokko attamiin qabeenyaa ishee biyya ka biroo waliin ooddatti? Eessatti ta’ee beeka kun? Kun humni alaa ykn koleneeffataan duraanii uummata Sudan fi qabeenyaa isaa to’achuu itti fufuuf yaaluu isaa ti.

Kaartuum Sudan gama kibbaa ittii adda ba’uu isheettin kan dhabde qabeenyaa doolaara biliyoona torbatti tilmaamamu kan gammi kibbaa oomisha boba’aa sadii irraa harka afur fudhatte bakka buufachuu barbaaddi.

Falmii waa’ee boba’aatti dabaluu dhaan biyyootiin lameen daangaa sararuu irrattis walii galtee xumuraa irra hin geenye.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG