Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Haaraan Kan Somaaliyaa Har’a Kakachuun Angoo Qabatan


Prezidaantii Haaraan Kan Somaaliyaa Har’a Kakachuun Angoo Qabatan
Prezidaantii Haaraan Kan Somaaliyaa Har’a Kakachuun Angoo Qabatan

Maqaa Farmaajoo jedhamuun kan beekaman Mahammad Abdullaahii Mahammad dirree xayyaaraa Moqaadishoo keessatti sirna gaggeeffame Kanaan lammiwwan biyya isaaniin na gargaaraa jechuun gaafatan.Walitti bu’iinsa gosaa, malaa-maltummaa, hidhattoota Islaamaa akkasumas beela irra deddebi’ee mudatu dhabamsisuu irratti yeroo gabaabaatti milkaa’uun hin danda’amu jedhan.Rakkoo Somaaliyaan keessa darbaa jirtu waggaa digdama caalaa akkuma fudhate guutummaatti furmaata argachuuf sichii waggootii kanneen biroo diigda gaafata jedhan.

Sirna kana irratti hogganoota biyyoota Afrikaa sadii fi Amerikaa dabalatee Diploomaatoota biyyoota hedduutu argame.Briteen uummata Somaaliyaaf gargaarasa nyaataa dhiyeessuuf kan oolu Dolaaraa kuma dhibba tokkoo fi Miliyoona digdamii shan kennuuf har’a waadaa seente.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleeny fi prezidaantiin Keniyaa Uhuruu Kenyaattaa Farmaajoo waliin hojjachuuf fedha qaban agarsiisanii jiru.

Gabaasaa guutuu kana tuquun caqasaa

Prezidaantii Haaraan Kan Somaaliyaa Har’a Kakachuun Angoo Qabatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:27 0:00

XS
SM
MD
LG