Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fayyisaa Leellisaa Sab-Qunnamtii Amerikaa hedduu irra maree dubbachuutti jiraa Istuudiyoo VOA Afaan Orommoolleetti goree wa jedhee dabre


Fayyisaa Leellisaa Istuudiyoo VOA keesstti Fulbaana 15,2016 DC
Fayyisaa Leellisaa Istuudiyoo VOA keesstti Fulbaana 15,2016 DC
Fayyisaa Leellisaa Istuudiyoo VOA dhufe
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:44 0:00

Atileeti Fayyisaan eegii Hagayya 21,2016 dorgommii Olompikii Riyoo,Biraazil irratti fkn mormii Oromoo agarsiisee asitti media,Sub-Qunnamtiin addunyaa waluma irra fuudhaa wa gaafachuutti jiran.

Biraazilitti jalqabee Amerikaa dhufee jennaanillee ittuma jira.Yoo waajjira guddaa VOA Waashingiton,DC jiru dhufellee afaan hedduun wa gaafatan.

Yoo innii Istuudioo VOA Afaan Oromoo dhufellee waan hedduu gaafanne.Tana keessaa keessaa tokko ‘atileeti moo, qabsaahaa mirga namaa moo namuma lamaanuu wati oofatu sii jenna jenneen.’

“Ani atileetii, fiigichaan fiiga.Nama siyaasaatii mitii nama siyaasaa beeku miti.Sadarkaan barumsa kiyyas jidduu-galeessaa kuta 10 caalaa hin baranne.Garuu kun beekumsa hin gaafatuu.Dhala namaa waan taheef yeroo ilmee namaa dhiignii isaa biyya sun keessatti dhangalu taahee laaluu natti ulfaate kanatti gara kanatti na fide malee ani beekaa tahee ykn nama siyaasaa tahee miti,” jedhe.

Tanaaf “ani hardhas gara fuunduras atileetuma,” jedha Fayyisaan.

Barii ati ‘baga atileetii tahee,’ ufiin jette jiraa jennaan “odoo atileetii tahuu baadhee sadarkaa kana gaheetoo ummata koo amma natti gammadaa jiru kana gamachiisuu hin dandahuu turee kanaaf bagan atileeti tahee baayyeen boona.”

Akka innii jedhutti jaalaltii innii atileetuu tahuuf qabu isumaa asii achi dabalaa deemti.

Fayyisaan,abbaa Sookooti.Sookoon maqaa ilma isaa ka angafaati.Ilmee ke akka innii atileeti tahu feetaa jennaan rakkoo guddoo keessa dabarree asi geennee innii adoo oguma dhibii qabaatee fedha jedha.

Mallattoon mormii Oromoo eegii Fayyisaan agarsiise duubatti haga duriillee caalaa beekamte,eegii sunii asitti media addunyaa hedduutti rakkoo Oromootii fi walumattuu rakkoo siyaasaa Itoophiyaa dubbachuutti jira.

‘Wantii ati jettee fi mallattoon ati agarsiifte sun hagana mataa dubbii addunyaa taati jettee eegdee,’ jennaan “anaayyuu na ajaabhisiise,” jedha.

Fayyisaan ‘yoo akka malee dallantu Shimala butatta moo dallansuu ufi irraa balleessuuf wayaa ispoortii naqattee dirreetti dabarta? Jennaan. “Anin yeroo aaru tarakaanfii fudhu fudhu na godhaa… eeguma jajjabaadhen dhiisuu jalqabe malee yo namaan walitti hin buhin natti hin toluu.garuu eegii guddadhe yaada sun nan dhiise.”

Eegii Fayyisaan Amerikaa dhufee hawaasii Oromoo DC fi naannoo isii jiraatu fi saba hedduulleen bahee simatee irbaataataa fi qophii bashannanaa hawaasii Oromoo qopheesseef irralleetti walti dhufee simate.

Fayyisaan nama isa jaalatu cufaa waadaa gale “ummannii kiyya akka ani waltajjii addunyaa irraa hin dhabamne na eegaa waan taheef fiigichaatti deebihee haala kanaan itti fufuu fedha,”jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG