Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fayyisaa Leellisaa medaaliyaa Riyootti badhaafame 'egerii muuziyeemii keessa keeyyadhaa' jedhee Oromoo kenne


Simannaa atileeti Fayyisaa Leellisaa,MN 2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:56 0:00
  • Bulchiinsii magalaa Miniyapoolis guyyaan dhaloota Fayyisaa Leellisaa akkuma ka Matamaa Gaandii kabajamuu malee jedhe.
  • Hawaasii Oromoo Waashingiton DC fi naannoo isii Fayyisaan Goota Jaarraa kanaa(21stcentury) jedhee faarse.
  • Hawaasii Oromoo Minisootaa Fayyisaan goota guddaa jedhee $20,000 badhaase.
  • Federeshiiniin Ispoortii Hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa ,OSFNA-n atileeti Fayyisaa Warqii badhaase

Atileeti Fayyisaa Leellisaa eegii Biraazilii Amerikaatti deebihee gara hedduu deemee dubbataa, bulchoota hedduun wal arguutti jirallee.

Garuma deemuutti nama hedduu bahee simata.Yoo innii Kibxata torbaan dabree Iraabaataa Waashingiton, DC keessatti qopheessan dhaqellee nama dhibba hedduutti qophii sunitti dhufe.Hawaasii musliimaa Oromoo DC waancaa fi waraqata ragaa Fayyisaa badhaase.

Namuu Fayyisaan qabsaahaa mirga namaa jedhee faarsa. Ta DC fixatee jennaan Minisootaatti dabre.

Bulchiinsii magalaaa Miniyapoolis akka guyyaan Fayyisaa Leellisaa itti dhalate,Onkolloleessii 2,akkuma qabsaahaa mirga namaa Matamaa Gaandii kabajamuuf yaada dhiyeesse.

Wantii Matamaa Gaandii fi atileeti Fayyisaan wal fakkaataniin akka bulchiinsa Miniyaapolis jedhutti jarii lachuu mirga nama addunyaaf qabsaahuu isaaniiti.

Bulchiinsii magaalaa Miniyapoolis yaada kana bulchoota magaalaa olloota isaatiin gahuuf itti jira.

Bulchiinsii hawaasa Oromoo MN jiruullee yaada kana fudhate.

Hawaasii Oromoo Waashingiton,DC atileeti Fayyisaan Goota Jaaraa kanaa (Hero of the Century) jedhee faarsee torbaan dabre keessa ummata baasee irbaata qopheesseef.Namuu atileeti Fayyisaa Leellisaa waan hedduun faarsa.

Qophii Fulbaana 18,2016 hawaasii Oromoo Ministootaatti Fayyisaa simate irratti akka warrii qopheesse jedhetti nama kuma hedduutti bahee simate.

Akak obboo Teshitee Waaqooi itti gaafatamaa hawaasa Oromoo Minisootaa jedhutti nama 5,000 tahutt qophii Ministota Convention Center keessatti qopheessanitti dhufe.

Qophii sun irratti ijoollee dargaggoo,dubartoota,abbootii amantii,atileetotaa fi nama hedduutti diida xuyyuura Miniyaapoolisitti makiinaa Limoziinii guurratee dhufee,kaan ammoo miilaan bahee simate.

Hawaasii Oromoo MN $20,000 Fayyisaa kenne, Federeshiinii Ispoortii Hawaasa Oromoo Amerikaa Kaabaa Fayyisaa waqii badhaase,waldaan wal gargaasa Odaa Nabee akka jecha obboo Teshitteetti $5,000 Fayyisaa badhaase.

Fayyisaan ammoo atileetota Itoophiyaa dorgommii Paralympic irratti dorgomuu dhaqanii achumaan hafan Taammiruu Demisee fi waahela isaa doolara $20,000 kennuuf waadaa gale.

Gama kaaniin ammoo Fayyisaan medaaliyaa Riyoo, Biraazilitti badhaasan akka innii egerii muuziyeemii Oromoo keessa taa’u Oromootti kenne.

“Medaaliyaa kana warreen qabsoo Oromoo jalqabanii wareegamanii asiin gahan,ka gara fuunduraa wareegamuuf jiranii fi isin yoo tokko taatan gara fuundruraaf yaadannoof keessanii fgaafa Oromiyaan bilisoomte muuziyeemii Oromiyaa keessa akka taa’uuf yaadannoo isiniif kenne,”jedhe.

Tana caalaa ammoo “yoo walii hin galle ammo isin irraa nan fudha.”

Fayyisaan amma Amerikaa jiraa godina keessa jiraatu mirkansee dubbachuu baatullee New Meksikoo,Koloraadoo fi Arizoonaa keessatti shaakaluu fedhaa jedha.Asiin duubatti leenjiitti deebi’aa jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG