WAASHINGITAN, DIISII —
Feestivaaliin Federeeshinii Ispoortii Oromoo Ameerikaa Kaabaa yokaam OSFNA torban kana qophiilee aadaa fi agarsiisa addaa addaa dabalatee magaalaa Miniyaapoolisii fi naannawa isheetti gaggeeffamaa jira.
Dorgommii Ispoortii geggeeffamaa jiraanii ala gidduu kana Qophiin Galgala Walaloo jedhu kan Waloo Lataa Qanna’iin ummataaf dhihaatee fi agarsiisni fiilmiin “Hirbuu Seenaa” jedhamuu Aadde Yewubdar Jabeessatiin barreeffamee fi qopheessamees dhihaaatee jira.
Walumaa-galatti qophiilee gidduu kanaa irratti gabaasaan keenya Alamaayyoo Qannaa Minniyaapolis irraa gabaasaa qaba.