Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiigicha,bisaan daakuu,miilaan deemuu fi Ispoortii hojjachuu amaleeffachuun fayyaalessa nama gooti


Hayyee, waan nafii namaa jiraachuuf jaalatu keessaa sooraa fi waan akka akkaa dabalee tokko ispoortii hojjachuu.Ispoortiin gosa hedduu qabdi.Ispoortiin nafii namaa dhabuu hin malin keessaa biskileettii oofuu,bisaan daakachuu,miilaan deemuu,utaaluu ykn fiiguu fi waan hedduu.

Akka barmsa saayinsiitti,fiigichii nafa nama jabeessa,onnee fayyaa kenna,dhaaba nafa namaa qajeelcha,qalbii namaa dirsiisa,fayyaallee namaa kenna.Akka Dr.Guyyoo Waaqoo Jaldeessaa,Hospitaala Kenyaataa ka Naayroobii jiruu nutti himetti,namii yoo dandahe guyyuu haga daqiiqaa 45,tahuu baattu ammoo torbaanitti guyyaa sadii daqiiqaa haga 30-45 utaale ykn fiige,dhukkuba akka dhiiga,dhukkuba onnee,dhukkuba kalee fi hedduu irraa hoffola.

“Namii baaddiyaa jiru jireennii isaatuu ispoortii,warrii biiroo keessa hojjatu ka saatii miilaan deemuu diqqoollee hin qamne falachuu male.”

Akka jecha Dr.Guyyootti namii diqqaattullee guyyuu hujii nafa isa danfisiiftu hojjatu nafii isaa fayyaa tahaaf.Foon haga dabraa nyaachuulleen fayyaa namaatiif faaydaa hin qabdu.Foon nafa nama dullomsan,gabbiinii haga dabre dhiba namatti taha.

Keessumattuu fiigichaa fi bisaan daakachuun nafa cufaa chochoofti,tanaafuu ispoortii waan hedduun nama gargaartu.Tana qofaa mitii, karaa dheeraa miilaan deemanii ufi danfisiiftu amaleeffachuulleen akkanuma irra namaa jirti.

Akka Dr.Guyyootti,nafii namaa gabbatee haga dabrelleen akka hiddii dhiiga onneetti yaahu duudee karaa cufee dhiba onnee fidu tolcha.

Mee waan Ispoortii hojjachuun namaan gargaartu ka Dr.Guyyoo nutti hime MP3 tana irraa caqasaa,isanilleen faaydaa ispoortiin namaa baati jettan nuu ergaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG