Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiigichaa Itoophiyaa Jaan Meedaa 29essoo Buzee,Abbebech,Muktaar fi Atseduu faatti moohate


Dorgommiin, Jan Meda International Cross Country, jedhan dorgommii fiigicha qaxxaamuraa ka atileetotii biyya hedduu walti dhufanii baruma baranaan itti wal dorgoman.

Dorgommii baranaa 29essoo tana atileetota 900 caalanitti KM 6,KM8tii fi KM12 dubraa fi dhiiraan itti wal dorgome.

Akka leenjisaa Huseen Shibootti,dorgommiin tun atileetota dorgommii Qaxxaamura Addunyaa Afrikaa Kibbaatti wal dorgomaniif qopheessiti.

“Atileetotii teenna atileeota Keenyaallee moohachuuf qophii jiran.”

Dorgommii tana irratti KM6n Buzee Diribaatti naannoo Oromiyaatii –22:32.59 moohate, Abebech Afeworqi – Kilabii Ittisaatii fiigicha KM8 dubraa 30:10.94moohate, naannoo Mootummaa Kibbaattii ammoo Muktar Idrisitti KM8 ta dhiiraa tana 26:22.92 moohate, dorgommii km 12 ta nama gugurdaa ammoo,Atseduu Tsegayeetti kilabii Ittisaatii 39:51.59 moohate.

Qophii Ispoortii Hardhaa MP3 tana irraa nuu caqasaa.



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG