Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannon Itoophiyaa Caamsaa 28ti paartin KFO dorgomuuf miseenota fi itti gaafatamtota isaani hiikanii akka biirolee paartiille banan gaafaan


National Election Board Ethiopia
National Election Board Ethiopia

Filannoon Itoophiyaa Caamsaa 28ti paartii KFO filannootti dorgomuuf akka miseenota fi itti gaafatamtootii isaanii hidhaan jiranii fi biirolee paartii isaanii gandaa haga zooniitti hedduutti cufaman jedhaniif falii barbaadamu gaafatan

Filannoo Itoophiyaa jaheessoo koronaaf jedhanii dabarsan jedhan Caamsaa itti deebi’nii bulchoota naannootii fi mootummaa federaalaallee filan akka bulchootii boordii filannoo marii hardha paartilee siyaasaa waliin qabaatan irratti jedhanitti.

Hireen ummatii kibbaa keessaa hagii tokko naannoo ufii qabaachuuf gaafatelleen filannoo sun irratti deebii argachuu fa danda jedha.

Naannoo kibbaa keessaa akka itti gaafatamtuun boordii filannoo Itoophiyaa, Birtukan Midhagsaa jettetti ummatii hagii tokko Itoophiyaa gama Kibba Dhiyaa jedhee naannoo ufii qabaachuu fedha.

Jarii kun Dawuroo,Kontaa,Beench Shekkoo,Shekkaa fi Debub Mihirab Hoomoo fa jedhu.Tigraayitti ammoo akka bulchiinsii boordii filannoo jedhetti gaafa waan cufa qoratan waan jedhan jedhan.

Filannon naannoo Tigraay ammoo gaafa filannoo biyyoolessa kana keessa hin jirtuu egerii itti ilaalan jedha. Filannoon bulchiinsa Finfinnee fi Dirree Daawaa ammoo Waxabajjii 5,2013 irra oola.

Paartiin Kongireesii Federaalsitii Oromoo filannootti dorgomuuf akka miseensota,itti gaafatamtootaa isaanii hiikanii, biirolee isaanii gandaa haga godinaa cufan jedhanillee bananiif gaafatan.

Paartii KFO keessa akka obboo Xurunee Gamtaa jedhetti miseensotaa fi itti gaafatamtoota isaanii manii murti gadi dhiisuuf hajajellee ammallee hedduutti hidhaa jira. Akka kanaan filannootti dorgomuuf yaaddoo qamna jedha.

Bulchiinsa paartii Badhaadhinaa keessaa akka Zaadig Abrhaam jedhetti himatii kun hagii tokko dhugaa mitii yoo dogongorii jiraate ammoo qajeelchuf qophii jiranillee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG