Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Itoophiyaatiif ji’a 5th hafe paartileen mormituu hagii tokko filannoof kurfoo jirra jedhan


National Election Board, Ethiopia
National Election Board, Ethiopia

Filannoon Itoophiyaa akka karoora Boordii Filannoo biyyattiitti ji’a shan keessatti taati. Hagasitti warrii dorgomu ufi beeksisee,milkieeta filannoo fudhatee filannoo kurfoo jirra jedha.

Paartiin Badhaadhinaa akka itti gaafatmaan damee filannoo tanaa,Zaadig Abrahaa jedhetti akka filannoon tun seenaa qabeettu taatu tolchaa dorgomti.

Itti gaafatamaan paartii Sooshal Demokiraat,Beyyenee Phexroos mootummaan akka filannoon tun filannoo nagaa taatu hojjadha jechuun waan abdiin eegatan jedha.

Naanno Tigraayitti ammoo akka itti gaafatmaa paartii Demokiraasii Tigraay Dr. Aregaawii Berhee jedhetti haala jiruufuu filannoo irratti nama dhbiii hin ooltu.

Paartiin Ezemaa akka oduu himaan paartii tanaa,Naatinaahel Felleqee jedhetti duruu qophiitti jiran.

paartileen itoophiyaa keessaa hagii tokko ka akka KFO faatii haala amma jiruun filannootti dorgomuu nama dhibdi jechuutti jiran.

Wal dhabii daarii Suudanii fi Itoophiyaa, dhiba koronaa wal dhaba gosaatii nama hedduu baqachiis waan filannoo tana dhibuu dandahaa keessa tokko akka Mesfiin Arraagee ogeeyyota maqeeffatee gabaasetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG