Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Qaama Walta’insa Baatii Saddeet Duraatti Finciltoonni Sudaan Kibbaa Magaalaa Jubbaa Seenaa Jiru


Faayilii - Garee finciltoota Sudaan Kibbaa marii mootummaa wajjin godhame irratti hirmaate, 2014
Faayilii - Garee finciltoota Sudaan Kibbaa marii mootummaa wajjin godhame irratti hirmaate, 2014

Wal-waraansa waggoota lamaa olii tii booda, Finciltoonni Sudaan Kibbaa gara magaalaa Juubaatti deebi’aa jiran. Aaraara Hagayya waggaa dabree keessa mootummaa fi finciltoota gidduutti mallatteessameef kun tarkaanfii ijoo dha.

Finciltoonni kun, waggoota lama dura, yeroo wal-waraansi biyyattii jalqabametti magaalaa Juubaa gad-lakkisanii deeman. Eega mariin araaraa garee isaanii fi mootummaa gidduutti mallatteessamee baatiilee saddeetii booda immoo, amma gara magaalattiitti deebi’aa jiran.

Haga ammaatti loltoota SPLA, ka murna mormitootaa kuma tokkoo fi dhibba sadii ta’an tu magaalaa Juubaa seene. Itti-aanaa ajajaan waraana finciltoota kanaa - Alfred Laadoo Goor kaleessa magaalattii seenanii jiran. Hooggaan finciltootaa – Riyaak Machaaris, mootummicha Prezidaantummaa Saalvaa Kiir-n hoogganamu keessatti taayitaa itti-aanaa Prezidaantummaa qabachuuf, Wixata dhufu kana Juubaa galan.

Humnoota Sudaan Kibbaa gara Saalvaa Kiir fi Riyaak Machaaritti lamatti qoodaman gidduutti wal-waraansa geggeessame keessatti namoota kuma kurna hedduu dhume. Nageenyi waan garagalfamu miti, jedhu – Goor.

Garuu, Goor – Juubaa keessatti waa’ee nageenyaa lallaban iyyuu, bakkawwan birootti wal-waraansi gareelee lamaan gidduu itti fufee jira.

Yunaayitis Isteets, kutaa Baahir El-Ghazal gama Lixaa keessatti haleellaa mootummaan geggeesse balaaleffattee jirti. Ministarri gargaaraan Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Maark Tooner, finciltoonni illee humnoota mootummaa fi uummata haleelluu isaanii ka gabaasaa argatan ta’uu dubbatu.

Juubaa keessatti illee wal-waraansi deebi’ee ka’uu mala – yaaddoo jedhu tu jira. Walii-galteen araaraa sun, akka Juubaa keessatti loltoota mootummaa fi ficiltootaa gidduutti madaaliin humnaa eegamuuf jecha, akka humni waraanaa mootummaa Juubaa irraa kiiloo-meetira 25 fagaatan gaafata.

Garuu, to’attoonni hojiirra oolfama araaraa, akka kana ilaalanii mirkaneeffatan – Mootummaan Sudaan Kibbaa hin ehamne. Finciltoonni illee, “motumaan iccitiidhaan loltoota dabalaa galfataa jira” – jechuun balaaleffatan.

Finciltoonni Sudaan Kibbaa Magaalaa Jubbaa Seenaa Jiru.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG