Magaalaa galma mootummaa Itiyoophiyaa fi naannoolee Itiyoophiyaa kaan keessatti Kibxata har’aa irraa eegalee humni Eletrikii citee ooluun himamee jira. Fininnee dabalee magaalaalee fi naannoolee odu-gabaastonni Sagalee Ameerikaa itti argamanitti humni eletrikii akka hin jirre gabaastonni kunneen mirkaneessanii jiran.
Tajaajilli Eletrikii Itiyoophiyaa fuula Feesbuukii isaa irratti ibsa maxanseen, rakkoo tekinikaa buufata madda annisaa Gibee Sadaffaa mudateen naannolee hedduu irraa humni eletrikii addaan cituu isaa beeksisee jira. Rakkoo teekinikaa buufata madda eletrikii mudate sana sirreessuuf carraaqqiin cimaan akka taasisamaa jirus ibsee jira.
Kanumaan wal-qabatee tajaajilli eletrikii Finfinneetti adda citee ture deebi’uu isaa dhaabbatichi galgala kana karaa Korporeeshinii Tamsaasa Itiyoophiyaa galgala kana beeksisee jira. Rakkoo addaan-citinsa eletrkii naannoolee biyyattii kaan mudate furuuf carraaqqiin jabaan ka taasisamaa jiru tahuus hubachiisee jira.
Forum