Xurree ittiin seenan

Fliin Waamicha Seneetaaf Kan Dhiyaatan Hin Fakkaatu             

  • VOA

FFliin Waamicha Seneetaaf Kan Dhiyaatan Hin Fakkaatu             

Raashiyaan dhimma filannoo Amerikaa keessa seenuu fi dhiisuu ishee kan ilaaleen waan beekan akka ibsaniif kan seeneeta Yunaaytid Isteetsiin waamaman duraan gorsaa waa’ee nageenyaa kan turanii fi booda hojii irraa ari’aman Maaykil Fliin/ mirga seera biyyattiin kenname gargaaramuun waamicha dhiyaachu dhisuuf jiru jedhu gabaasaaleen sabaa himaa.

Koreen tikaa ykn basaasaa kan seenetaa galmee jiran qorannaa gaggeeffamuuf barbaada. Flynn duraan himatamuu hin danda’uu jechuun barbaadu.

Koreen seeneetaa kun duula filmaataa Prez Traamp gaggeessaa turan fi Raashiyaan akka Traamp filataman barbaaduun gargaartee ta’a laata isa jedhu irratti qorannoo hedduu gaggeessaa jira.

Prezidaant Traamp baatii Guraandhala darbe keessa Fliiniin hojii irraa ari’uun ni yaadatama. Kunis Fliin Ambaasaaddarra Raashiyaa washington keessa jiran waliin walitti dhuufeeya qaban kan ilaaleen itti aanaa prezidaatii Amerikaa Maayik Peens waan sobaniif jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG