Har’a ganama handaara magaalaa Saint Denis keessatti wal dura dhaabannaan sa’atii 7 polisii waliin eega gaggeessan booda kanneen du’an keessaa tokko dubartiin dhukaatoota of-irratti martee turte of ajjeefte.
Gamoo jireenyaa ykn Apaartmentii walakeessa magaalati -tti argamuu irratti qiyyaafachuun tarkaanfii fudhatame Kanaan namoonni 7 hidhamanii jiran.
Duula kana booda Abbaan alangaa paariis Francois Molins qiyyaafanni duula kanaa lammii Beeljiyam kan jihaadii labsee Abdelhamid Abaaoud ta’uu mirkaneessan.
Isatu haleellaa shoroorkeessootaa torban darbe lubbuu nama 129 galaafate sana qindeesse jedhama. Eenymmaan namoota har’a ajjefamaniis ta’e hidhamanii haga ammaatti waan hin beekamneef gara boodaa adda baafamaa jedhamee eegama jedhan.
Abaaoud haleellaa shoroorkeessotaa ka biroottis hidhata kan qabu yoo ta’u duraan Siriyaa akka tureetu gabaafamee ture.
Gabaasaaleen akka jedhantti barana yoo xiqqaate al tokko gara Awuroopaatti imaluu mala. Odeeffannoo basaasaa jiran keessatti qaawwaan jiraachuu isaa fi kanneen imala akkasii irraa deebi’an jihaadni isaan labsan akkaan yaaddeessaa ta’uu gabaasaaleen kun hubachisanii jiru.
Presidaantiin Faransaayii bulchitoota magaalaaleef hasawaa dhagesiisan Kanaan garee hidhatoota Islaamiik Isteetes kan haleellaa kanaaf itti gaafatama fudhte kana irratti tarkaanfii fudhachuuf waan godhamuu qabu tarreeessan.
Faransaayiin maadheelee Islaamiik Istees kan Siriyaa keessaa irratti haleellaa samii irraa gaggeessitu yeroo sadaffaaf itti fuuftee jirti.
Kana malees Donii waraanaa kan xayyaaroonni irraa ka’an galaana Medtraaniyaantti butte jirti. Kunis tarkaanfii fudhattu jajjabeesuuf ta’uun beekamee jira.
Kana malees prezidaant Holaandeen gamtaa guddaa kan yunaaytiid isteetes fi Raashiyaa dabalatuu ijaaruun garee Islaamiik Isteets akka waraananiif gaafatan.
Mootummaan Faransaayii labsii yeroo hatattamaa yeroo ammaa biyyattii keessatti labsame baatilee kanneen biroo 3 akka itti fufuu barbaada. Prezidaant Holaandeen akka jedhantti shoroorkeessummaa fi rakkoo kanneen biroo irratti hojjachuuf akka gargaaruutti heera biyyatti jijjiruu fedhu. Yaadi kun immoo gareelee mirga dhala namaaf falman biraa qeeqa hordoofsisee jira.
Gama kaaniin kanneen haleellaa Paariis kanatti shakkamanii fi kanneen isaan waliin wal ta’an faana dhahuun itti fufee jira.
Shakkamaa ijoon kan biraa kan Braaseels keessatti dhalate Salah Abdeselam amma iyyuu hin qabamiin jira.