Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaanfa Afriikaatti Jilli Addaa Gara Itiyoophiyaatti Akka Imalan Gabaasame


FAAYILII - Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hammer yeroo Amaasadara ta'anii Dimookiraatiik ripablik of Koongotti hojjachaa turan, Onk. 5, 2020
FAAYILII - Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hammer yeroo Amaasadara ta'anii Dimookiraatiik ripablik of Koongotti hojjachaa turan, Onk. 5, 2020

Gaanfa Afriikaatti jilli addaa Yunaayitid Isteetis Maayik Hammer imala isaanii gara Masrii, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Itiyoophiyaatti geggeessan sambata darbe jalqabuu isaanii ministriin dhimma alaa ibsa baaseen beeksisee jira.

Hammer daawwannaa isaanii torban tokkoof turu kanaan Yunaayitid Isteetis, dhimmootii hidha laga Abbayyaa waliin wal qabate ilaalchisee bifa fedhii qaama maraa guutuu danda’uun furmaata diplomaasummaa fiduu kan dandeessisuu fi godinaan sun nagaa fi kan badhaade akka ta’u gochuuf deggersa isheen qabdu ibsuuf ta’uu ibsi sun beeksisee jira.

Turtii isaanii Finfinneetti taasisaniin jilli addaa kun mariiwwan hidha laga Abbayyaa bakka itti geggeeffamu gamtaa Afriikaa waliin marii kan taasisan yoo ta’u, haala dhiyeessii gargaarsa namoomaa, dhiittaalee mirga namaa fi haleellaalee ka biroof itti gaafatamummaan akka jiraatu akkasumas mootummaa Itiyoophiyaa fi angawoota Tigraay gidduutti nagaa buusuuf yaalii taasisamu illee hubachuuf jiru.

Itiyoophiyaa keessatti nagaa waariinsa qabu, tasgabbii fi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf, Yunaayitid Isteetis adeemsa siyaasaa mara hirmaachiseer deggersa diplomaasummaa kennuu kan itti fuftu ta’uu ibsi sun itti dabaluun beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG