Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaaz., OMN Guyyoo Waariyoo fi Barre.,KFO Dejenee Xaafaa qabdii birrii 10,000 qabsiisanillee hin baane beellama itti aanu eegachuutti jiran


Gaaz., OMN Guyyoo Waariyoo fi Barre.,KFO Dejenee Xaafaa
Gaaz., OMN Guyyoo Waariyoo fi Barre.,KFO Dejenee Xaafaa

Guyyoo Waariyoo Dejenee Xaafaa fi Mishaa Aadem Cirrii qabdii birrii 10,000 qabsiisanii wabiin hin baanee beellama eegachuutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:53 0:00

Guyyoo Waariyoo,Dejenee Xaafaa,Mishaa Aadem Cirrii lammii Amerikaa ogummaa Komputera qabuuntiin OMN hojjata jedhanii fi namii Buraayyuu qabame Koorsaa Dachaasaa warra ijjeechaa Hacaaluu Hundeessaa duuba qabame keessaa tokko.

Beellama Wiixata dabreetiin qabdii birrii 10,000 qabsiisani bahuuf horii baasan. Horii baasanillee akka jedhan hin taanee hin baane.

Intaltii obboo Dejenee, Simboo Dejjenee bara rakkoo namii hujii hin qamne kanatti horii walti guurree baafanulleen Dejenee wabiin hin baamne jette. “Fayyaan isaa nu yaaddessa.”

Haatii warraa Guyyoo Waariyoo Abbaa Jirmaa, Caaltuu Gezzahaanyi nama hujuma ufi hojjatu Guyyoo silaa guyyaa tokkooyyuu mana hidhaa keessa buluu hin malle jette.

Dr Tokkummaa Dhaabaa jara kana waan haaraa himataniin hin arginee falmuufiitti jirra jedha.

Abukaatoo OMN fi abukaatoon jara hidhamee Dr Tokkummaa Dhaabaa jara kana waan haaraan hin himannee falmuufiitti jirra jedha.

Daarekterii waajjira abbaa alangaa addaa Itoophiyaa,Fiqaaduu Tseggaa jara kana waan haaraan hin himannee himatuma duraan jiru fixachuuf guyyaa 15 gaafannee guyyaa 5 nuu eeyyaman jedha.

Gaazexeessaan OMN Mallasaa Dirrbisaa akkuma jara kanaa gara jalqaba Hagayyaa keessa birrii kuma 3,000 qabsiisee bahuuf waadaa galan taatullee bahiitiin hin taane.

Akka abukaatoon isaa Tokkummaan jedhetti galmee Dirribsaa gara galmee Jawaar Mohaammad faatti deebisan malee waan haaraan himachuutt hin jiranii mirgii wabii isaalleen hin mulqamne jedha.

Waan Dejenee,Mishaa, Koorsaan fi Guyyoo himatanii manii murtii gadi aanaa murteesse mana murtii olaanaatti ilaalee waan jedhu jedha.

Waan Mallasaa faan himatan ammoo mana murti gadi aanaatti deebisan. Beellamii jara kanaa torbaan dhufu.

Gama kaaniin akka jecha Dr Tokkummaan maatii jara namii irraa hidhamee maqeeffateehorii jara hidhamee fi qabeenna OMN hajaja eennuu akka tahe beekuu baatanillee hin chocho’u.Hojjataan mindaa hin argatuu maatiin rakkoo keessa jira."Eennu hori kana akka uggure hin beeknee mana murtii gaafachaa jirra.”

Abbaan Taayitaa Tamsaasa Itoophiyaa OMN waan waltti buusaa hojjate jedhee Abbaan Taayitaa Tamsaasaa ji’a sadii hujii irraa dhaabe jedhan.OMN ammoo hin mormate.Hojjattoota isaallee woma akkasiitin shakkan.

OMN ammaaf biyya alaatii tamsaasa.Akka abukaatoon isaanii jedhetti hojjatootii isaa kaan hidhaa jiran kaan dhokatanii hujiitti deebihuu sodaatan.

Beellamii Guyyoo,Dejenee,Mishaa fi Koorsaa torbaan dhufu

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG