Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaasa Hayyoota Mirga Namoomaa fi Deebii Mootummaa Itiyoophiyaa


FAAYILII - Konkolaataa waraanaa loltoota fe'ee deemu, Caamsaa 11, 2021.
FAAYILII - Konkolaataa waraanaa loltoota fe'ee deemu, Caamsaa 11, 2021.

Mootummaa Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti waraansii bifa haaraan jalqabamuun kan akkaan isaan yaaddesse ta’u hayyonni mirga namoomaa kan komiishiina addunyaa kanneen waa’ee Itiyoophiyaa beekan ibsanii jiru.

Wal waraansa kana keessa humnootiin Ertraa seenuu isaanii walitti bu’iinsii kun biyyoota biraattis babal’achuuf karaa bana jedhan.Qaamonni wal waraansa kana keessaa harka qaban martii battalumatti wal waraansa dhaabanii, akka seera addunyaa kan wal waraansa kabajuuf durqama irra jiru akka kabajan akkasumas deemsa mariitti akka deebi’an gaafatan.

Kutaa sana keessatti sodaa nagaa fi nageenyaa uumamuu ilaalchisee, golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa haallii Itiyoophiyaa keessaa dhimma hatattamaa ta’u murteessuu isaa komishinni kun deggeree jira.

Siviilootaaf eegumsa barbaachisu mirkaneessuuf akkasumas, haalli kun hammaatee kutaa sana keessatti caalaatti tasgabii dhabiinsa akka hin hammeessine gochuuf, Golli naga eegumsaa chaartara ba’e irratti hundaa’uun tarkaanfii akka fudhatuuf komishinni gun gaafatee jira.

Haalli kun hamaa ta’u hubachuunis golli naga eegumsaa, dhimmi Itiyoophiyaa fi gaanafa Afrikaa Ajandaa isaa keessatti iddoo olaanaa akka itti kennu komishinni kun gaafatee jira.

Gama kaaniin ministeerrii haajaa alaa kan Itiyoophiyaa ibsa baaseen, ibsii komishiinichaa fudhatama dhabsisee jira. Komishinich ABUT seera walitti bu’iinsa dhaabuu addunyaa cabsuun walitti bu’iinsa kana kaasuu isaa dandeetti itti hubachuu hin qabu jedhee, komishinichii dhimmma nagaa fi nageenya biyyatti ilaalchisee itti gaafatamummaa ykn abbummaa fudhatee dubbachuu hin danda’uu jedhee jira.

Gollii naga eegumsaa Itiyoophiyaa irratti tarkaanfii akka fudhatuuf gaafachuun komiishiina kanaas, dhimmi kabajamuu mirga namoomaa meeshaa godhachuun dhiibbaa siyaasaa gochuuf gargaaramuu isaa akkasumas, mootummaa wajjiin hojjachuuf balbala banaa cufuuf akeekkachuu isaa agarsiisa jeechuun ibsii ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa baase hubachisee jira.

Ministeerrii odeeffannoo kan Ertraa Yemaanee Gabra Masqal deebii Twitarii ofii irratti kennann,

Ajandaa siyaasaa kan ofii tarkaanfachisuuf jecha gocha seeraan dhorkaa ta’e kan Komishinichii Tokkummaa mootummaa keessatti hundeeffame gaggeessa jiru fudhatama dhabsisuuf Afrikaaf yeroon amma jedhan.

Qaamoleen akkasii yeroo hunda aangoo isaanii bira darbanii kolooneefannaa saboota Afrikaa kanneen abbaa biyyummaa qaban irratti murtii dabarsu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG