Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Galata Dhiyeessee Jira


FAAYILII - Hogganaa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii, Bitootessa 11, 2022
FAAYILII - Hogganaa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii, Bitootessa 11, 2022

Raawwii Waliigaltee Diinummaa Dhaabuu ilaalchisee Koree waloo bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Shiree keessatti Walgahii eegaluu isaaniif gamtaan Afrikaa Mootummaan Itoophiyaa fi ABUT galateeffatee jira.

Walgahiin Koree waloo kan Karoora Teeknikaa loltoota Tigraay hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee gad fageenyaan ibsa jedhamee eegamu magaalaa Shireetti waamamuu isaa mootummaan Itoophiyaa kaleessa beeksisee ture.

Walgahii kanaaf haala mijeessaa kan jiru gamtaan Afrikaa, erga marsaan hojiirra oolfama waliigaltee nagaa eegalamee booda ibsa ibsa jalqabaa kenneen akka jedhetti, Walgahiin Shiree kun gam lameen diinummaa dhaabuu guutummaatti hojiirra oolchuuf waadaa galan fuulduratti tarkaanfachiisuuf, akkasumas waliigaltee nagaa fi tasgabbii waaraa Itiyoophiyaa keessatti argamuuf tarkaanfii wal amantaa guddaa uumuudha.

Oduu kanaan wal qabateen, waraanni Tigraay adda waraanaa keessaa bahuu eegaleera jechuun miidiyaaleen bulchiinsa naannoo Tigraay gabaasaa jiru.

Gama biraatiin, Ministeerri haajaa Alaa Itiyoophiyaa waliigaltee nageenyaa kana hojiirra oolchuuf mootummaan Itoophiyaa cicha qabu irra deebi’ee mirkaneessee jira.Itoophiyaan waliigaltee kana hojiirra oolchuuf deeggarsa addunyaa argachaa jirti akkasumas, hariiroon Ityoophiyaa fi hawaasa addunyaa gidduu jirus iddootti deebi’aa jira jechuun dubbi himaan ministeerichaa obbo Meles Alem har’a ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG