Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Afrikaa Haleellaa Uummata Libiyaa Irratti Raawwatu Balaaleffate


Dhimma Libiyaa irratti har’a cufataatti kan geggeessame falmii gumii nagaa fi nageenya gamtaa Afriikaa kan ibsan diplomaatiin Afriiaa tokko kan nama ajaa’ibu jedhan.

Eenyummaan isaanii akka ibsamu kan hin feene diplomaatiin kun ambasaddorri Libiyaa mootummaan isaanii hiriirtota nagaa irratti tarkaanfii ajjeechaa fudhachuu isaanii falman jedhan.

Bakka bu’aan Libya sun tuuta oduuf ibsa utuu hin kennin achii deeman. Sana booda gumichi ibsa gabaabaa utuu hin baasin dura sa’aatiilee sadiif falmii geggeesse.

Liigiin Arabaa Libiyaa miseensummaa ishee rarraase. Muummichi barreessaan Liigii kanaa Amr Moussa meeshaan waraanaa siviloota Libyatti gargaluu isaan araboonni aaraniiru jedhan.

Gamta Africatti ambadaderri Nambia Kakenu anangula ibsa ba’e sana tuuta oduuf ibsa kennaniin gumiin kun balaa badii lubbuu uummata Libiyaa irra ga’e cimsee balaaleffatee jira.

Tokkummaa mootummootaa-tti hoogganaan gurmuu gamtaa Afriikaa Zachary Muburi Muita akka jedhanitti ministeera, generaala ykan presidentii biyya kee waan taaneef waan feete argatta. Jarraa 21ffaa keessa sababa hooggana irra jiraatteef uummata kee irratti waan feete gochuun kun fudhatama hin qabu jedhan.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG