Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daarekteerri HRW Kan Gaanfaa Afrikaa Akka Gamtaan Awuroopaa  Mootummaa Itiyoophiyatti Dhiibaa akka Taasisu Gaafatan 


Jarmiyaa mirgaa namoomatiif falmu Hiyumaan Raayits Woochif daarekteera gaanfaa Afrikaan kan ta’an La’etatitiyaa Baaderee Gamtaan Awurooppaa akka mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibaa taasisu
Jarmiyaa mirgaa namoomatiif falmu Hiyumaan Raayits Woochif daarekteera gaanfaa Afrikaan kan ta’an La’etatitiyaa Baaderee Gamtaan Awurooppaa akka mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibaa taasisu

Waa’ee fooyya’insaa mirga namoomaa qabatamee ta’ee irratti Gamtaan Awurooppaa akka mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibaa taasisu jarmiyaa mirgaa namoomatiif falmu Hiyumaan Raayits Woochif daarekteera gaanfaa Afrikaan kan ta’an La’etatitiyaa Baaderee gaafatanii jiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa akka haala gargaarsa namoomaa mirkaaneessu fi hidhaa seeraan alaa akka dhaabu La’etatiyaa Baaderee hubachiisuun isaanii beekameeraa.

Walgahii ministiroonni dhimmaa alaa biyyootan miseensota gamtaa Awurooppaa guyyaa har’aa Braasels keessatti taasisan dursuun ibsaa baahee kan keessatti, mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo attatamaa ji’a Guraandhalaa keessaa kaasuu isaa eeree, Ebilaa jalqabee immoo gargaarsii namoomaa akka Tigraayiin seenuu eeyyamuu ibsee jira. Gargaarisii yeroo amma Tigraayiin galaa jiruu fedhii namoottan gargaarsaa barbaadanuu irraa fagoo akka ta’es hubachiiseeraa.

Namoottan hookarri saalaa irratti raawwatee dabalatee gargaarsii qorichaa warreen dhukubootaa yeroo dheeraatin dararamaa jiranuuf kennamaa jiru akka gahaa hintaane HRW ibseeraa.

Gochaa Yakka waraanaa fi sarbiinsaa mirga namoomaa biraanii naannoowan Amaaraa, Tigraay fi Affaar keessatti raawwatamee jedheef amma ammatii itti gaaafatmumaan hiikaa qabu akka hin jirree himeera. qorannoon sadarkaa adduunyaas akka socho’aa hin jirre ibseera. Ibsii maqaa Daarekteeraa HRW kan gaanfaa Afrikaa La’etitiyaa Baadeeren bahe kun mootummaan feederaalaa Oromiiyaa keessatti hidhaa jimlaa raawwachaa turuu isaatiif dhiheenyaa kana immoo naannoo Amaaraa keessatti hidhaan raawwatamaa jiraachuu isaa beeksiseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG