Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ganna Sadeessoo UNESCOn Gadaan Oromoon Bulchiinsa Addunyaafuu fkn Taati Jettee Mirkansiteef Booranatti Ulfeessuutti Jiran


Jilaan Deemaa...

Ulfinna Ganna Sadeesso UNESCOn Gadaa Oromoo Mirkansite,Yaaballoo Boorana
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00

Dhaabii Barnoota,Saayinsii fi Aadaa Tokkummaa Mootummootaa UNESCO ganna sadiin duratti Gadaa Oromoo hambaati jedhee galmeesse.

Guyyaa kana amma Booranattti ulfeessuutti jiran. Akka itti gaafatamaan Waajjira Tuurizimii Booranaa aabba Bonayaa Diidoo jedhetti guyyaan kun gannuma gannaan ulfeessaa dhalootii dhufu waan warqata qofaa mitii aadaa fi jireenna lafa irraa mullatu jabeeffatuuf guyyaa kana ulfeessan.

Guyyaa kanatti Raabaa,Kuusaa,Gadaammojjii fi qaamii gadaa keesaa cufa achitti argan.

Gabra
Gabra

Tana maleellee faaya,mana,nyataa fi dhugaatii Booranaa, Gujii, Gabraa fi walumattuu Oromoo balloo hedduu achitti agarsiisan.

Jila Ganna Sadeessoo UNESCOn Gadaa Oromoo Mirkansite,Yaaballotti Ulfeessuutt Jiran
Jila Ganna Sadeessoo UNESCOn Gadaa Oromoo Mirkansite,Yaaballotti Ulfeessuutt Jiran

Guyyaa kana bulchoota mootummaa federalaa fi naannoo hedduutit itti dhufa.

Booranilleen rakkoo duruu mootummaatit himachaa bahe hedduu gaafachuuf kurfoo jira jedha aabba Kanuu Jirmoo.

Rakkoo gugurdoo himachuutti jiran keessaa:

  • Booranii akkuma bal’inna lafa isaatti godina lama akka argatu
  • Akka dubbiin Mooyyalee fala argattu
  • KomaandI Poostiin akka Boorana irraa kaatu
  • Porojeektii bisaan Booranaa,bisaan Billiqqoo ganna 10n duratti jalqabanii asi cophxeeyyuu dhaban jedhan akka fala argatan
  • Akka hujii Diida Xuyyuura hojjachuuf jedhanii lafa irraa nama kaasanii achumaan hujiin dhaabattee jalqabanii fixan
  • Akka gabayaa horii Booranatti jaaran fi waan hedduu yoo carraa argatan gaafachuuf kurfoo jiran

Jiltii guyyaa Gadaa Oromoo tun hardhaa fi boritti waan hedduu irraa barachuuf kurfoo jiran

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG