Gareelee maqaa Adda Bilisummaa Oromotiin socha’aan araarsuuf yaaliin yeroo dheeraaf geggeessame itti fufee jira.
Deemsa araaraa kanaaf deegersa qabu mul'isuuf, Waldaan Artistoota Oromoo torban tokko dura, Minesootaa, magaalaa Miniyaapoolis keessatti konsertii muuziqaa tokko dhiheesse. Sana irraa ka'uudhaan, sadarkaa deemsi araaraa sun itti jiru fi furmaata xumuraa fiduuf hagam akka abdachiisaa tahe hubachuuf, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Sagantaa Afaan Oromoo irraa Nigusuun bakka-bu'oota gareelee ABO sadeenii araara taa'aa jiran walitti-fiduun haasofsiisee jira.
Bakka-bu'oonni sadeen ibsa nuuf kennan, Dr. Bayaan Asoobaa, Obbo Leencoo Baatii fi Obbo Zalaalem Nagaasaa akka jedhanitti, deemsi araaraa sun yoom iyyuu caalaa amma fedhii gareelee sadeenii irraa ka madde waan ta'eef gufuulee adda addaa araaricha boodatti harkisaa turan irra cehuuf gama sadeeniinuu wal-hubannaa fi jabinaan hojjetamaa jira.
Deemsa qabsoo irratti ilaalcha polotikaa adda addaa qabaachuun, hoogganni walii-galuu dadhabuun, irreen-bultummaan, seeraa dhaabichaatti buluu hanqachuun, wal-dhaggeeffachuu dadhabuunii, wal-dhibdee jiru ilaa fi ilaameen hiikkachutti cicha dhabuunii fi naannoon waliif baabsuun kanneen addaan-qoqqoodamuu ABO sana daran hammeessanii fi babal'isan tahuu, bakka-bu'oonni kun tuttuqanii jiran. Oromiyaan Itiyoophiyaa irraa adda baatee bilisummaa labsachuu qabdi moo mirgi dimookiraasummaa kabajameefii Itiyoophiyaa keessa jiraachuu qabdi? ka jedhu irratti gareeleen sadeen akka ejjennoo tokko qaban dubbatu. Hegeree Oromiyaatiif, ejjennoon gareeleen sadeenuu qaban maal fakkaata? Ka wal-simatu moo kan wal-dhiitu? Dhimmoota akkanaa fi ka biroo irratti, Nugusuun, bakka-bu'oota sadeenuu bal'inaan haasofsiise. Guutummaa qophii isaa ka sagaleen kaa'ame, mallattoo gama harka mirgaa jiru tuqaa tii dhaggeeffadhaa.
Gareelee ABO Araarsuuf Yaaliin Jalqabame Milkaa'inatti dhihaataa jira

Deemsi araaraa sun yoom iyyuu caalaa amma fedhii gareelee sadeenii irraa ka madde waan ta'eef gufuulee adda addaa araaricha boodatti harkisaa turan irra cehuuf gama sadeeniinuu wal-hubannaa fi jabinaan hojjetamaa jira.