Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Hidhattootaa Namoota Nagaa Ajjeessan Jedhu Dubbi Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa


Obbo Geetaachoo BaalchA
Obbo Geetaachoo BaalchA

Ilaalchi martinuu Itiyoopiyaa gama kaabaa irra ta’ee ennaa jirutti, Dhiya Wallaggaa keessaa namoonni nagaan 200 ol hidhattootaan ajjeefamuu kan ibsan paartileen siyaasaa hangi tokkoo fi waldooleen sivikii, mootummaan lammiiwwan naannolee akkasii keessa jiraataniif eegumsa akka godhu gaafataniiru.

Dhiya Wallaggaa aanaa Kiramuu keessaa torban tokko dura hidhattoonni haleellaa raawwataniin lammiiwwan ajjeefaman 231 ol ta’uu kan ibse paartiin Innaat jedhamu fakkeenyaaf dubartoonnii fi daa’imman kan keessatti argamu ta’uu tuqee jira.

Kan mootummaan shanee ittiin jedhe gareen hidhattootaa dagachiisanii namoota nagaa ajjeesan jechuu dhaan dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa dubbatanii, lakkoobsa namoota du’anii garuu hin ibsine. Ilaalcha qaama nageenya Oromiyaa naannoleen isaan barbaachisu duula irra kan jiranii fi hidhattoota irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu obbo Geetaachoon ibsaniiru.

Paarlaamaan Itiyoopiyaa shorokeessummaan himachuun gareen Shanee ittiin jedhee fi ofii isaa waraana bilisummaa Oromoo jedhee kan of waamu gareen hidhate yakkawwan akkasii haalaa turee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG