Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Miidiyaa Hawaasummaa fi Namni Dhuunfaa Naqamtetti Birmannaa Barattoota Harka Qalleeyyiif Godhan


Gareen miidiyaa hawaasummaa ka Facebook “Ijoollee Naqamtee” jedhamuun of moggaase deggersa dabtaraa fi qalamaa barattoota harka qalleeyyii magaalaa Naqamtee keessa jiraniif taasisaa jira. Gara fuulduraattillee deggersi barattoota harka qalleeyyii kun kan itti fufu tahuu ibsan qindeessaan garee kanaa.

student
student



Sagantaa kanaan barattootni 1500 akka deggeraman himanii, meeshaaleen barnootaa sun yeroo ammaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee qaqqabuu dubbatanii jiran. Gama biraatiin, achuma magaalaa Naqamteetti dargaggoon Jiinenus Fiqaaduu jedhamu, barattoota harka qalleeyyii 20 deggeruun barsiisaa jira. Hiriyootaa fi namoota kaayyoo isaa deggeran waliin tahuun barattoota 120f meeshaalee barnootaa guutuu dhiyeessuuf kan hojjetaa jiru tahuu dubbata dargaggoon kun.

please wait
Embed

No media source currently available

0:00 0:10:20 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG