Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsa Nyaataa Afaarii fi Amaaraatti Kan Raabsiine Ta’uus Kan Tigraay Keessaa Amma Iyyu Danqamaa Dha: WFP 


Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa keessatti qehee irraa buqahani fi magaala Dabaarqi keessatti nyaata rabsamuu eeggatan, Hagayya 27, 2021
Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa keessatti qehee irraa buqahani fi magaala Dabaarqi keessatti nyaata rabsamuu eeggatan, Hagayya 27, 2021

Jaarmayaan Sagantaan nyaata addunyaa kan Tokkummaa Mootummootaa(WFP) bulchiinsa naannoo Afaar fi Amaaraa keessatti namoota sababaa walitti bu’iinsii baballachuun rakkataniif gargaarsa nyaataa marsaa duraa raabsu xumureen jira jedha.

Ta’uus garu, gargaarsa dhala namaa bulchiinsa naannoo Tigraay dhaqqabsisuuf sochiin ta’u, amma iyyu danqaan waan jiruuf jecha raabsii gargaarsaa iddoo sanatti gaggeeffamuu qabu duubatti akka hafuu gochaa jira jedha sagantaan nyaata adduyaa.

Erga Hagayya 15 bara 2021 jalqabee bulchiinsa naannoo Affaarii fi Amaaraa keessatti namoota kuma 300 ta’aniif jaarmayichii nyaata raabsee jira.

Tigraay keessatti erga caamsaa 27 jalqabee gargaarsii nyaataa marsaa lammataa uummata Miliyoona 2.4f kanneen Tigraay Kaaba-dhiyaa fi Tigraay Kibbaa keeessaaf raabsamuun ibsamee jira.

Gabaasaaleen mirkanii hin qabnee kan kutaalee sadeen irraa argaman akka jedhanti, dhabamuun wabii nyaataa dabalaa kan jiru yoo ta’u, kunis maatiin manaa fi qe’e isaanii barbadoofnaan dheessuu isaaniin akka ta’e, sagantaa nyaata addunyaa keessatti, Daayreekteera biyyoota kutaa Afrikaa Bahaa kan ta’an Maaykil Daanfoord ibsanii jiru.

Baatii waxabajjii dabree akkuuma tilmaamamee, uummanni kuma 400 yeroo ammaa kanatti haallii beela fakkaatu akka isaan mudatuu kan beeksisee yoo ta’u, gargaarsa nyaataa ga’aa dhaqqabsisuuf yaaliin jiraatuus haallii jiru amma akkaan yaaddeessa ta’a deemuu beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraa keessattis uummanni kuma hedduun manaa fi qe’e ofii irraa godaanuu fi qabeenyaan isaanii barbada’uun ibsamee jira.

Maraafu jedha jaarmayaan sagantaa nyaata addunyaa, walta’iinsaa fi deggersa guutuu paartilee walitti bu’iinsa kana keessaa harka qaban biraa argannee, uummata gargaarsa barbaaduu mara hatattamaan dhaqqabuun dadhabamnaan, Itiyoophiyaa gama kaabaa balaa hamaatu eeggata jedha.

XS
SM
MD
LG