Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaa Angawoonni Isaa 7 Itiyoophiyaa Gadhiisanii Ba’uu Mirkaneesse


Faayilii - Miseensota huna waraanaa Itoophiyaa karaa konkolaataa gara Tigraay Abii Adii deemu irratti, Caamsaa 11, 2021
Faayilii - Miseensota huna waraanaa Itoophiyaa karaa konkolaataa gara Tigraay Abii Adii deemu irratti, Caamsaa 11, 2021

Angawoota gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa 7 kanneen Itiyoophiyaan biyya ishee keessaa akka ba’an jette yeroo ammaa ba’u isaanii jaarmayichii addunyaa Wiixata kaleessaa mirkaneessee jira.

Nageenya isaaniif jecha achii baafamuu isaanii dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Faaraah Haaq kan ibsan yoo ta’u, dhimmi ilaalacha duraa itti laannuu hojjatonni keenyaa nagaan gara hojii isaanii deemuu danda’uu isaanii mirkaneessuu akka ta’e oduu gabaaastoota biraa gaaffii dhiyaateef deebii kennan.Kana gochuu hin dandeenyu taanaan, tarkaanfii kanneen biroo fudhachuu qabna jedhan Haaq.

Kamiisa darbee mootummaan Federaalaa kan Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad akka biyya gadhiisanii ba’aniif yeroo sa’atii 72 ykn guyyaa 3 kennuun isaa ni yaadatama.Kanaafis sababaan kennamee dhimmi biyyatti keessa seenana akkasumas himannaalee kka biroo irratti dhiyaatan keessaa gargaarsaa fi meeshaa qunnamtii Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) kennan kan jedhu ture.

XS
SM
MD
LG