Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjattoonni Tokkummaa Mootummootaa torba Itoophiyaa dha akka bahan murteeffamuu ilaalchisee deebiiwwan qaamonni adda addaa kennan


Mootummaan Itiyoophyaa hojjettoota gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa torba biyya isaakan baasu ta’uu beeksise. Mootummaan, angawoonni kun dhimma keessoo kan biyyattii jidduu seenan jechuun himate. Muumichi barreessaan tokkummaa mootummootaa himannaan kun kan isana rifachiise ta’uu dubbatanii, hojjettoonni kun hojii isaanii akka itti fufan gochuuf Itiyoophiyaan akka eeyamtu mootummaa waliin dubbataa jiraachuu ibsan.

Mootummaan Itiyoophyaa karaa ministeera ofii kan alaa kaleessa angawoota ol aanoo kan dhaabolii gargaarsaa kan tokkummaa mootuummootaa torba biyyattii keessaa baasuu beeksise.

Ibsa bal’aa utuu hin kennin, mootummaan hojjettoonni gargaarsaa kun dhimma keessoo jidduu seenan jechuun himate. Kanneen biyyattii dhaa baafaman keessaa jarmayaa gargaarsa daa’immanii kan tokkummaa mootummootaatti bakka buutuu damee Itiyoophiyaa kan ta’an Adele Khodor, waajjira komiishina mirga namaa ol aanaa kan tokkummaa mootummootaaf hoogganaa garee to’attootaa kan ta’an Sonny Onyegbula fi angawoota shan kan waajjira gargaarsa qindeessu kan tokkummaa mootummootaa, fi gorsa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kwesi Sansculotte ti.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken angawoonni tokkummaa mootummootaa Itiyoophiyaa keessaa baafamuu ilaalchisuun ibsa kennanii jiran.

Mootummaan Itiyoophiyaa aangawoota tokkummaa mootummootaa 7 biyya isaa keessaa baasuuf karoorafachuu isaa kan jabinaan balaaleeffatte yunaaytid Isteetes, murtiin kun battalumatti akka keessa deebi’amu gaafattee jirt jedhan.

Dhimmi kana irratti mootumaan naannoo Tigraay inni ABUT-n ogganamu ibsa guyyaa ar’aa baaseen haryatamuun ojjattootaa gargaarsaa seera adduunyaa kan gargaarsa namoomaa fi kan mirgaa namoomaa waan cabsuudha jechuudhaan balaaleffateera.

Ibsii fuula tiwuutaraa dubbi- himaa Adda bilisummaa uummata Tigraay Geetachoo Radda irratti manxanfame kun , akka mootummaan Itiyoophiyaa adeemsa gargaarsaa danqaa jiru ibsee ,kanaan duras jarmiyaalee gargaarsaa kan akka Mediisin San Froontees (MSF) , Noorwejiiyaan refiwuujii kawunsil (NRC) fi Al Maaktoom Faawundeshiin jedhaman akka biyyaa baasan himeera.

Gochaa mootummaan Itiyoophiyaa raawwate kanaaf manii maree mootummoota gamtoomanii murtoo lakkoofsa 2417(2018) akka iiratti dabarsuus gaafateera ibsii mootummaa naannoo Tigraay kun.

Seerrii mana maree kun seera warren ykn biyyoottan namootta beelessuu akka meeshaa waraanatti fayyadaman ittiin adabamanuudha.

Hojjattoonni Tokkummaa Mootummootaa torba Itoophiyaa dha akka bahan murteeffamuu ilaalchisee deebiiwwan qaamonni adda addaa kennan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:34 0:00


XS
SM
MD
LG