Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tumaan Duraanii Kan Maalaawwii Kaleessa Of-ajjeesan


Faayilii - Paarlaamaa Maalaawwii, Caamsaa 19, 2019
Faayilii - Paarlaamaa Maalaawwii, Caamsaa 19, 2019

Maalaawwii keessatti seera tumaa sadarkaa olaanaa namnii turan, gamoo paarlaamaa biyyatti keessatti of-ajjeesan.

Duraan itti aanaa af-yaa’ii paarlaamaa kan turan Kleement Chiwaayaa umriin isaanii 50 yoo ta’u Kamiisa kaleesaa waaree booda, gumii waliigalaa keessatti rasaasaan of-dhahanii of galaafatan.

Kun ta’uun immo haala nageenya paarlaamaa sana keessaa kan ilaaleen yaaddoo kaasisee jira.

Chiwaayaan maaliif rasaasaan mataa isaanii rukutuun akka of-ajjeesan kan beekamee hin jiru.Paarlaamaan ibsa baaaseen polisiin biyyatti haala jiru qorataa waan jiruuf jecha, odeeffannoo argame uummanni yeroo sirrii ta’eetti argata jedhan.

Chiwaayaan paartii mormituu bakka bu’uun seera tumtoota keessaa tokko ta’uun hojjataa kan turan yoo ta’u yeroo of-ajjeesan kanatti garu hojii irra hin jiran jedha ibsii paarlaamaan baase.

XS
SM
MD
LG