Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dhiheenya Hundeessame Paartiileen Siyaasaa fi Beektonni Akkamitti Ilaalu? 


Mootummaan naannoo Oromiyaa Fulbaana 15,2014 akka Lakkofsa Itiyoophiyaatti hundeessmee jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Fulbaana 15,2014 akka Lakkofsa Itiyoophiyaatti hundeessmee jira.

Filannoo marsaa 6ffaa Itiyoophiyaa keessaatti taasifameen paartiin Badhaadhinaa sagalee mootummaa huyndeessuu isa dandeessisu argateera jechuun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beekamtii kenneef irratit hundaa’uun Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa keessatti Fulbaana 15,2014 akka Lakkofsa Itiyoophiyaatti mootummaa naannichaa haaraa hundeessee jira.

Kana ilaalchisuun kan gaafataman Itti-aanaa dura paartii mormituu ka Kongireesii Federalaawaa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu, “bakka dorgomtoonni paartii mormitootaa mana hidhaa jiranitti , filannoon walabaa geggeessame, mootummaa haaraan hundeessame, jennee hin yaadnu. Mootummaan amma hundeessame kan ammaan dura ture irraa waan itti adda tahe hin qabu,” jedhan.

Mootummaa haaraa naannoo Oromiyaatti hundeeffame keessatti dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamurraa muudama kaabinee naannichaa kan argatan Obbo Araarsoo Biqilaa gaaffichi mootummaarraa nuuf dhiyaannan akka dhaabaatti simanneerra jedhu.

Dhimma Mootummaa haaraa naannoo Oromiyaa keessatti hundeeffame ilaalchisuun beektota seeraa fi hayyoota saayinisii siyaasaas dubbisuun gabaasaa qindeessine qabna.

Caqasaa.

Mootummaa Naanoo Oromiyaa Dhiheenya Hundeessame Paartiileen Siyaasaa fi Beektonni Akkamitti Ilaalu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:15 0:00


XS
SM
MD
LG