Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naannoo Amaaraa Prezidaantii Haaraa Muudeera


Mootummaan Naannoo Amaaraa Prezidaantii Haaraa Muudeera

Chaffeen mootummaan naannoo Amaaraa prezidaantii haaraa filachuudhaan miseensotaa kaabinee muudeeraa.

Gabaasinni Asteer Misgaanahu Baahir Daar irraa VOA dhaaf qindeesite akka ibsetti, Doktoor Yiliqaale Kefalee prezidaantii naanichaa duraanii Agenyewu Teshaager Bakka bu’uudhaan prezidaantii naanicha ta’anii muudamaniiru.

Pezidaantichii kabinee isaanii keessatii miseensota paartii mormiitootaa lama muuduun isaaniis gabaasameera. Akkuma kanaan, paartii mormitootaa Sochii Biyyaalessaa Amaaraa / Abin irraa obbo Xaahir Mohamad itti gaafatamaa biiroo aadaaf turizimii ta’anii yemuu muudaman, paartii Sochii Umna Demokiraatawaa Amaaraa irraa obbo Tesfaahun Alemneh Daarikteera eegumsa naannoo ta’nii muudamaniiru.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG