Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaa liqii muutummaa dabalamuu baannaan Mootummaan US cufamuu danda'a jedhame


Kaapitool Hiil, Koongiresii Ameerikaa (Suuraa faayilii)
Kaapitool Hiil, Koongiresii Ameerikaa (Suuraa faayilii)

Amma Onkololesaa 18, 2021 ti mannii maree biyyatti fi seenatiin Murtoo hin dabarsuu taanaan Mootummaan Yunaayitid Isteetes akka cufamuu danda’u Ministeerri Maalaqaa yunaayitid Isteets Jaaneet Yeleen ibsaniiru.

Kun kan ta’uu danda’u Mootummaan yunaayitd isteets baasii isaa kan waggaadhaaf tilmaame bakkaan gahuudhaaf , ittuu waggichii hin dhumin baajatin hirdhina keessaa yemuu seenuudhaa jedhameera.

Rakkoo kana hanqisuudhaaf immoo mootummaan qarshii liqeeffachuu qabaa. Akka seeraa biyyatitti daangaa liqii dabaluudhaaf mannii maree ykn caffeen biyyatti fi senetiin ee’yyamuu qabu.

Akka Jaaneet jedhanitti manii maree daangaa liqii mootummaa kana hin dabalu taanaan biyyattin seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif waan baasii ittin kaffalu dhabuudhaan cufamuu akka danda’u himan.

Seenetii keessaatii demokiraatotaa baayinaa qaban kan ogganan Chuck Shuumar kaleessa akka jedhanitti, daangaa liqii dabaluu irrati degersaa seneterootaa waliigaateedhaan moo’uudhaaf akka yaalan himaniiru.

Warii paartii Ripablikaanii Wixataa dheengadaa akka jedhanitti daangaa liqii ol kaasuu irraatti akka fedhii hin qabne dubbataniiru.

Mootummaa Yunaayitid isteets keessatti manna maree fi seenetii keessatii demokiraatonni akka sagalee caalaa qaban hin beekama.

XS
SM
MD
LG