Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Waraanaa Ameerikaa Dhimma Loltoonn Afgaanistaanii Ba’uu Irratti Kongresii Biraa Gaaffii Dhiyaateef Ibsa Kennuuf Jiru


Kongiresii Ameerikaa, Kaapitool Hiil (Suuraa faayilii)
Kongiresii Ameerikaa, Kaapitool Hiil (Suuraa faayilii)

Lolli Afgaanistaan dhumatuu isaa fi loltoonni Yunaayitid Isteetis waggoota 20 dura biyyattii gad dhiisanii ba’uutti aansee, angawoonni waraanaa Ameerikaa gameeyyiin gaaffii isaan mudachuuf jira.

Ministriin ittisaa Lloyd Austin, dura taa’aan hoogganaan waraanaa Jeneraal Mark Milley fi hoogganaan waaltaa ajajaa Yunaayitid Isteetis Jeneraal Kenneth Mckenzie koree tajaajila waraanaa kan senetii duratti dhiyaachuu dhaan waa’ee duulli Afgaanistaan keessaa xumuramuu fi karoora farra shorokeessummaa ilaalchisee deebii kennuuf jiru.

Pentaagoon duulli Afgaanistaan dhumachuu isaa sirrii dha jedhee kan falme yoo ta’u, uummanni 120,000 ennaa Tliban biyyattii to’atetti gamasii baasuuf tattaaffii ta’e illee ibsee jira.

Buufata xayyaara kaabulitti jeeqama uumameen miseensonni waraanaa Yunaayitid Isteetis 13 fi lammiiwwan Afgaanistan 169 du’uun illee ibsamee jira.

Bulchiinsi Baayiden tattaaffii Afgaanistaanii ba’uuf kaoora inni baase akkasumas murtii inni ergama gamasii xumuruu, haleellaa samii irraan raawwachuun siivilota 10 galaafatee ilaalchisee gaaffiin dhiyaateef antgawoonni deebii kennuuf jiru.

XS
SM
MD
LG