Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqalee Keessatti Hiriirri Geggeessame


Magaala Maqalee (suuraa faayilii)
Magaala Maqalee (suuraa faayilii)

Hawaasi Yuniversitii Maqalee kumatti hedamu sambata jechuun Fulbaana 15/2014 magaalaa Meqeleef gargaarsi midhaan nyaataa fi dawaan akka ergamu hiriira gaafatu gggeessanii jiran. Hiriirtonni kun Tigraay keessatti kan uumame beela harki namaa fide ta’uu isaa tuqanii, gaaffii isaanii gamasitti kan argaman hawaasa sadarkaa addunyaaf xalayaa isaanii galfataniiru.

Hiriira sana irratti kan argaman keessaa tokko Dr. Kaashisaa Taaddelee ti. Dr. Kaahisaan Yuniversitii Maqaleetti barsiistuu fi qorattuu dhimma qabeenyaa beeladaalee ta’uutti dabalee, Yuniversitii sana keessatti daayiiktera waaltaa dhimmootii saalaa ti. Kaayyoo hiriira sanaa akkas jechuun ibsan.

Akeeki hiriira kanaa inni ijoon sagalee uummata keenyaa dhageessisuu dha. Tigraay keessatti waan uumame ni argina. Beelli harki namaa fide jira, hanqinni dawaa jira. Haala kanaan attamiin sagalee keenya dhageessisna. Tokkummaan mootummootaas furmaata kallattii akka kennu jechuu dhaan sagalee hawaasichaa dhageessisuuf baane jedhan. Haala beelli harki namaa fideen ijoolleen, dubartoonni du’aa waan jiraniif furmaanni hatattamaa akka kennamu gaafachuufi jedhan.

Hiriirtonni hawaasa yuniversitii Maqalee xalayaa isaanii waajjira baqattootaa kan tokkummaa mootummootaatti kan galfatan yoo ta’u, bakka bu’aan sagantaa nyaata addunyaa hiriira sana irratti argamuu dhaan xalayaa sana harkaa fuudhaniiru jechuun Alem Fissehaa Meqelee irraa gabaaseera.

Gama biraan gargaarsa midhaan nyaataa erguu gama ilaaleen kana dura dura ibsa kan kennan itti gaafatamtuun kutaa presii kan waajjira muummicha ministeeraa Billenee Siyyuum Rakkooon deggersi dhaqqabuu yoo jiraate, gaaffiin dhiyaachuufiin kan irra jiraatu qaama rakkoo sana uumaa jiruuf jedhanii turan.

Uummata Tigraayiin gargaarsi akka hin dhaqqabne gochaa kan jiru, saamicha kan raawwataa jiruu fi dhiyeessii midhaan nyaataa butee waraansaaf oolchaa kan jiru TPLF jedhan. Ministriin nagaa Mufriyaat Kamiil, torbee VOAf ennaa ibsan, naannoo Tigraayiif gargaarsa ittiin ga’uuf adeemsi jiru mijataa akka jiru ibsaniiru. Konkolaattonni gargaarsa fe’atan, keellaa sakatta’aa isaan irra dhaabatan fakkeenyaaf sagal irraa gara lamaatti gad siqeera jedhanii turan jechuun isaanii ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG